ODUUSIYAASA

Oduu: Itoophiyaa fi Somaaliyaan jechoota waldhabdee hammeessan walitti darbachurraa of qusachuuf waliigalan

Finfinnee, Bitootessa 04/2024 – Waliigaltee ulaa galaanaa jalqaba bara kanatti Itoophiyaa fi Somaalilaand gidduu mallatteeffame hordofee hariiroon isaanii kan boora’e Itoophiyaa fi Somaaliyaan, tibbana jechoota waldhabdee hammeessan walitti darbachuu irraa of qusachuuf waliigaluu isaanii gabaafame. 

Biyyoonni lamaan waliigaltee kanarra kan gahan torban darbe Ministirri Muummee Abiy Ahimadii fi Pireezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad adda addatti Pireezidaantii Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo waliin erga mari’atan booda ta’uu miidiyaan biyya Keeniyaa ‘The East African’ jedhamu maddeen dippiloomaasii eeruun gabaaseera. 

Haaluma kanaan biyyoonni lamaan torban eegalame kanarraa kaasee jechoota jajjaboo waljijjiiruu fi dhimmicha ilaalchisee ibsa waldhabdee giddu isaanii jiru hammeessu baasuu irraa akka of qusatan waliigaluu gabaasichi eereera.

Ministirri Muummee Abiy Ahimad torban darbe Keeniyaatti daawwannaa hojii kan taasisan yoo ta’u, Pireezidaant Hasan Sheek Mohammad gama isaaniin achuma Keeniyaatti Yaa’ii Eegumsa Naannoo Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 6ffaa irratti hirmaachuuf Naayiroobii turaniiru.

Pireezidaant Wiliyaam Ruutoon, kanaan dura hoggantoota biyyoota lamaan mariisisuuf yaalii taasisanis pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad eeyyamamoo waan hin taaneef osoo hin milkaa’iin hafuu kan eere gabaasichi, MM Abiy Ahimadii fi pireezidaant Wiiliyaam Ruutoo erga mari’atan booda “abbaa biyyummaa biyyootaa kabajuuf waliigalleerra” jechuu isaanii Somaaliyaa akka gammachiise ibseera. 

Torban darbe daawwannaa hojii guyyoota sadiif gara Keeniyaa kan imalan MM Abiy Ahimad, marii Ruutoo waliin taasisaniin buufata doonii Laamuu fayyadamuuf waliigaluu isaaniis ibsameera. 

Jalqaba baatii Amajjii keessa Itoophiyaa fi Somaalilaand waliigaltee ulaa galaanaa mallatteessuu isaanii hordofee mootummaan Somaaliyaa “waliigaltichi abbaa biyyummaa fi tokkummaa Somaaliyaa kan sarbeedha” jechuun mormaa turuun ni yaadatama. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button