ODUUSIYAASA

Oduu: Mootummaan federaalaa fi ABUT hojiirra oolmaa waliigaltee nagaa Piriitooriyaaf kutannoo qaban irra deebiin mirkaneessan

Finfinnee, Bitootessa 12/2024 – Walgahii gamaaggama tarsiimowaa raawwii Waliigaltee Nagaa Piriitooriyaa jalqabaa kaleessa Bitootessa 11, 2024 qopheessummaa Gamtaa Afrikaatiin Finfinneetti gaggeeffame hordofee, mootummaan federaalaa Itoophiyaa fi Addi Bilisummaa Ummata Tigraay (TPLF) “hojiirra oolmaa waliigalitichaaf kutannoo qaban irra deebiin mirkaneessaniiru.” 

Walgahiin raawwii waliigaltichaa hanga ammaa jiru gamaaggame kun kaleessa waajjira Gamtaa Afrikaa keessatti gaggeeffame. Kunis “deeggarsa namoomaa, humnoota waraanaa duraanii hidhannoo hiikkachiisuu fi deebisanii ijaaruu dabalatee hojiirra oolmaa dhimmoota waliigaltichi hammatu gamaaggamuuf kan kaayyeeffate” ta’uu Komishiniin Nageenyaa fi Tasgabbii Dhimma Siyaasaa Gamtaa Afrikaa ibseera.

Gamtaan Afrikaa walgahii booda ibsa baaseen, qaamoleen lamaan “nageenya fi tasgabbii naannoo Tigraay eeguuf yeroo yerootti marii hunda galeessa gaggeessuuf” waliigaluu isaanii ibseera.

Qaamoleen lamaan kunneen “fooyya’insa mul’ateef” beekamtii kan kennan yoo ta’u, “waagalticha guutummaatti hojiirra oolchuuf dhimmoota tattaaffii waloo dabalataa barbaadan” adda baasuu isaanii ibsi Gamtaa Afrikaa eereera.

Walga’ii gamaaggama tarsiimowaa Gamtaan Afrikaa haala mijeesse kana irratti qondaaltota olaanoo mootummaa federaalaa, hoggantoota bulchiinsa yeroo Tigraay fi ABUT, akkasumas taajjabdoota Dhaabbata Mootummaa Gamtoomanii, IGAD, mootummaa Ameerikaa fi Baankii Misooma Afrikaa irraa dhufan hirmaachiseera. 

Gamaaggamni tarsiimowaa kun gaggeeffamuu kan eegale dhimma harkifannaa hojiirra oolmaa Waliigaltee Nagaa Piriitooriyaa irratti mootummaa federaalaa fi bulchiinsa yeroo Tigraay gidduu garaagarummaa mul’achuu hordofeeti. 

Keessattuu dhimma iddoowwan Lixa fi Kibba Tigraay yeroo ammaa kana humnoota naannoo Amaaraa’tin qabamanii jiran, dhimma buqaatota gara qe’ee isaanitti deebisu irratti harkifannaa mul’atu fi humnoonni Eertiraa lafa naannoo Tigraay gadhiisanii akka bahan kan jedhan irratti garaagarummaan uumameera. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Kana malees, dhimma deebii hongee yeroo ammaa kana naannoo Tigraay keessatti lubbuu namoota hedduu galaafachaa jiruuf kennamaa jiru irrattis qaamoleen lamaan gidduu waliigaltee dhabuun mul’ateera. AS

Related Articles

Back to top button