ODUUSIYAASA

Oduu: Antoonii Bilinkan fi MM Abiy Ahimad dhimma gargaarsa nyaataa deebi’ee eegaluu, walitti bu’iinsa naannoo Amaaraa fi Oromiyaa irratti mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 18/2023 – Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkan Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad waliin dhimma gargaarsa nyaataa baatii itti aanu irraa eegalee guutuu Itoophiyaatti eegaluuf jedhu ilaalchisee bilbilaan mari’atan. Kana malees, Bilinkan rakkoon nageenyaa naannoo Amaaraa, Oromiyaa fi bakkeewwan birootti deemaa jiru akka isaan yaaddeessuu fi mariin barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Mariin hoggantoota biyyoota lamaan kunis, Dhaabbata Gargaarsa Ameerikaa (USAID) Kibxata darbe raabsa gargaarsa nyaataa guutuu Itoophiyaatti baatii Waxabajjii keessa addaan cite ture baatii itti aanuu eegalee akka eegalu beeksisuu hordofeeti. Gargaarsi akka eegalu kan ibsame erga haaromsa bal’aa mootummaan Itoophiyaa fi michoota gargaarsa namoomaa hojiirra oolchanii booda ta’uu ibsameera.

Akka ibsa Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa irraa bahe ibsutti, Antoonii Bilinkan “gargaarsi namoota hanqina wabii nyaataa isaan mudate bira gahuuf haaromsa mootummaan Itoophiyaa fi michoota gargaarsa namoomaa raawwatan dinqisiifataniiru.”

Hoggantoonni lamaan nageenya kaaba Itoophiyaa cimsuuf tattaaffii taasifamaa jiruu fi barbaachisummaa tumsa naannoo irrattis mari’achuu isaanii ibsichi eereera. Kana malees, Bilinkan hokkara naannoo Amaaraa, Oromiyaa fi bakkeewwan biroo biyyattii keessatti deemaa jiru ilaalchisee yaaddoo qaban ibsuun, waldhabdee hiikuuf mariin barbaachisaa ta’uu cimsanii dubbataniiru.

Mootummaan Ameerikaa karaa jila Ergamaa Addaa Ameerikaa Gaanfa Afrikaa Maayik Haamar durfamuun marii mootummaa Itoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti Taanzaaniyaa, magaalaa Daar es Salaamitti taasifamaa jiru keessatti gahee olaanaa taphachaa jiraachuu gabaafameera. AS

Related Articles

Back to top button