DHIMMA HAWAASAAODUU
Trending

Oduu: Itoophiyaa, Somaaliyaafi keeniyaatti balaa lolaatiin lubbuun namoota 130 darbe

Finfinnee, Sadaasa 20, 2023 – Itoophiyaa, Somaaliyaafi keeniyaa ji’a Onkolooleessaatii asitti lubbuun namoota balaa lolaatiin darbee 130  gahuu dhaabbilee tolaooltummaa wabeeeffachuun AP gabaaseera.

Balaa lolaa “bokkaa cimaa” waggaa dhibbatti altokko mudatuun naannichatti roobe hordofuun lubbuun namootaa darbuufi qabeenyi mancaafamuun gabaafameera. Somaaliyaan ji’a Onkolooleessaatii asitti balaa lolaa kanaan garmalee hubamteerti. Dhaabbanni too’annoo balaa biyyaaleessaa Somaaliyaa ibsa baaseen, lubbuun lammiilee 51 dhabuun 500,000 ta’an qe’eesaanirraa buqqa’uu ifoomseera.

Balaan kuni humna elekitiriikaa mancaasuu, daandiifi riqichi manca’uun kutaalee biyyattii addaan qooduun eerameera. Lubbuu namaa baraaruuf duulli lubbuu baraaruu xiyyaaraan gaggeeffamuu dhaabbanni too’annoo balaa gtasaa kuni himeera.

Dahaabbanni tolaooltummaa Daa’imman Baraaruuf hojjatu ‘Save The Children’ wabeeffachuun akka gabaafametti, magaalli Baladwaynee kan giddugaleessa Somaaliyaatti argamtu galaana laga Waabeeshaballeetii ka’een guutumatti liqimfamteerti. Jiraattonni 250,000 ta’an qe’eerraa buqqa’aniiru.

Balaa kana hordofuun, mootummaan Somaaliyaa ji’a darbee keessa labsii yeroo muuddamaa labseera. Jijjiiramni qilleensaa kuni bubbee El Niinoo jedhamuun kan uumamu ta’uun eerameera.

Kaaba Keeniyatti, balaaa lolaatiin namoonni 50 du’uufi 30,000 ol qe’eerraa buqqa’uu hawaasni Fannoo Diimaa gabaaseera. Koonyaawwaan Maandeeraa, Waajiirfi kutaaleen bulchiinsaa qarqara laga Xaanaatti argamanitti mudateera.

Koonyaa Xaanaatti qofa jiraattota 7,000 buqqisuu bulchaan Koonyichaa Mohaammad Noor himuun gabaafameera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Haaluma walfakkaatuun, Itoophiyatti balaa lolaa naannolee Gaambeellaafi Somaaleetti tibbana mudateen jiraattonni 30 ta’an lubbuu kan dhaban yoo ta’u

Maddi lolaa kanaa hongee Gaanfa Afrikaatti dhiyeenya kana mul’atee ture ta’uu qorattoonni ibsaniiru. AS

Related Articles

Back to top button