DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Godina Arsiitti ijaarsi tarbaayinii madda humna qilleensaa 3 xumurame

Finfinnee, Bitootessa 08, 2024 – Piroojektii ijaarsa tarbaayinoota madda humna elektiriikaa 29 maallaqa Yuuroo miliyoona 145 godina Arsii aanaa Heexoossaatti naannawa magaala Asallaatti ijaaramuuf karoorfame keessaa ijaarsi tarbaayinoota sadii xumuramuu Korporeeshiniin Elektiriika Itoophiyaa beeksise.

Piroojektiin kanaan tarbaayinoonni 29 kunneen Meeggaa Waatii 100 omishamuuf kan karoorfame yoo ta’u tokkoon tokkoon tarbaayinoota kanneenii Meeggaa Waatii 3.465 kan omishan ta’uu hojigaggeessaan piroojektichaa Obbo Fiqaaduu Abrahaam himaniiru.

Akka Obbo Fiqaaduun jedhanitti, tarbaayinoonniifi qaamoleen jenereetaraa barbaachisan keessaa walakkaa kan ta’an iddoo ijaarsaa gahuufi meeshaalee ijaarsa kanaaf brbaachisan biroo 99% iddoo ijaarsa gahaniiru.

Ijaarsi sivilii piroojektichaa 48.5% fi elektiroomakaanikaalaa 4.9% goolabamuu eeruun hojii piroojektichaa waliigaalaa keessaa 50% kan ta’u xumuramuu himaniiru.

Iddoolee utubaan tarbaayinii itti dhaabbatan 12 qophaa’uufi kanneen keessaa hojiin sibiilaa kan sadiis xumuramuun dhagaa itti guutuuf qophii ta’uu itti gaafatamaan hojii sivilii Obbo Darajjee Xaasoo himaniiru.

Piroojektiin naannoo Oromiyaa godina Arsii aanaa Heexossaatti ijaaramaa jiru kuni yeroo xumuramutti humna elektiriikaa akka biyyaatti qilleensarraa argamu gara MeeggaaWaatii 544’tti kan guddisu ta’a.

Ijaarsi piroojektii kanaa dhabbata Siimans Gaamessaa jedhamuun kan gaggeeffamu yoo ta’u maallaqa Yuuroo miliyoona 145 kan ijaaramu ta’a. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button