DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Dhaabbileen mirga dubartootaaf falman wixinee labsii ministeerri barnootaa qopheesse morman

Finfinnee, Muddee 01, 2023 – Dhaabbileen mirga dubartootaaf falman lakoofsaan 10 ta’an wixinee labsii ministeerri barnootaa baase kan eeyyama dubartoota da’aniif kennamu guyyaa 15 qofa ta’uu labsu mormuun irra deebiin akka qoratu ministeericha gaafatan.

Ministeerichi wixinee labsii haaraa baaseen barattuun tokko sababa dahumsaatiin guyyoota 16fi sanaa ol barnoota irraa hafnaan bara barnootaa sana irraa kan ugguramtu ta’uu kan labsu qopheessee ture.

Kana malees, waldaa dubartoota ogeeyyii seeraa, waldaa dubartoota Itoophiyaafi falmitoota mirga dubartootaa dabalatee dhaabbilee sivilii 10 ta’an waloon ta’uun guyyaa kaleessaa ibsa baasanii ture. 

Dhaabbileen kunneen ibsa baasaniin, wixinee labsii ministeerri barnoota qopheesse kutaa afraffaa keeyyata 15 tartiiba lakkoofsaa 5 irratti labasame eeyama dubartoonni dahumsaa fudhatan kan daangeessu, mirga dubartoonni barachuu qaban kan sarbuufi seerota heera biyyyatti keessatti eeraman kan faalleesu ta’uu eeraniiru.

Labsiin kuni rakkoo barattoota shamarranii qunnamu daran walxaxaa kan taasisuufi hirmaannaa shamarran hawaaasa keessatti qaban kan xiqqeessu  ta’uu ibsameera.   Kana malees, walqixxummaa dubartootaafi dhiiraa heera biyyattii keessatti eerame kan faalleessuudhas jedhan. 

Sab-qunnamtiin ministeera barnootaa obbo Alamawarq Hizqeel turtii EBC saaybar walin taasisaniin wixinee labsii kuni qophaa’uu amanuun ragga’ee hojiitti kan hin galin ta’uu dubbataniiru.

Namoonni wixinee labsichaa harkaa qaban kan irratti yaada hawasaa sassaabuun kan kan qoratmu ta’uu eeraniiru. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button