DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Keeniyaan lammiileen Itoophiyaa kaffaltii eeyyama imala elektirooniksii malee biyyashee akka seenaniif waliigalte

Finfinnee, Guraandhala 20/2024 – Mootummaan Keeniyaa ”lammiilee Itoophiyaa kaffaltii eeyyama imala elektirooniksii (eTA) malee gara biyyattii galuu akka danda’an” waliigaluu isaa Keeniyaatti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Baacaa Dabalee fuula X (Twiitara duraanii) isaanii irratti barreeffama maxxansaniin beeksisan. 

Ambaasaaddar Baacaan akka jedhanitti, lammiileen Itoophiyaa “viizaa fi kaffaltii kanaan walqabatu tokko malee gara Keeniyaa seenuu danda’u. Haata’u malee, osoo garas hin imaliin dura unka eTA toora interneetii irratti guutuun dirqama ta’uu ibsaniiru.

Keeniyaan dhiheenya kana lammiilee biyya alaa hundaaf viizaa hambisuu ishee hedduu kan jajame  ta’uus, hojiirra oolmaan isaa garuu ragaalee imaltoonni Keeniyaa seenuuf hayyama gaafatan dabalatee ulaagaaleen haaraan dirqama ta’uun isaanii erga ifa ta’ee booda qeeqa isa mudateera. 

Imaltoota yeroo Keeniyaa gahan danqaan isaan mudate keessaa lammiileen Itoophiyaa ni eeramu.

Itoophiyaa fi Keeniyaan kaleessa Wiixata irraa eegale Finfinneetti walgahii komishinii ministirootaa waloo gaggeessaa jiru. Walgahiin kun hariiroo siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa biyyoota lamaan gidduu jiru fooyyessuu fi rakkoolee naannawaa daangaa biyyoota lamaanitti uumamaniif furmaata laachuu kaayyeeffata. AS

Related Articles

Back to top button