ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Godina Shawaa Kaabaatti lammiilee Chaayinaa lakkoofsi isaanii hin beekamne hidhattootaan butamuu jiraattonni himan

Finfinnee, Onkololeessa 20/2023 – Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Dagamitti kaleessa Kamisa, Onkoloolessa 20 lola hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) fi humnoota nageenyaa gidduu gaggeeffameen walqabatee lammiilee Chaayinaa lakkoofsaan hin beekamne dhaabbata Warshaa Simmintoo “East Cement Share Company” keessatti hojjetan butamuu jiraattonni Addis Standard dubbise himan.

Jiraataa aanaa Giraar Jaarsoo magaalaa Fiichee kan maqaansaa akka hin eeramne gaafate Addis Standarditti akka himetti, kaleessa ganama irraa eegalee magaalaa Fiichee to’annoo jala oolchuuf hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo kan mootummaan Shanee jedhe waamu fi humnoota mootummaa gidduu “waraana cimaa fi dheeraa” taasifamaa ture.

Akka jiraataan kun jedhutti, loltoonni Waraana Bilisummaa Oromoo kaleessa ganama warshaa simmintoo aanaa Dagam magaala Hambisoo irraa 5km fagaate argamu to’annoo jala erga oolchanii booda lammilee Chaayinaa hojjattoota warshichaa lakkoofsi isaanii hin beekamne fudhatanii deemuu himeera.

“Ganama barii hidhattootni WBO dhufanii warshichaa to’atanii lammilee Chaayinaa erga butanii eegalee hanga guyyaa sa’aatii 8:00 lolli itti fufee ture,” jiraataa kantu jedhe.

 Sababa kanaan ajaja qaamni mootummaa dabarseen dhaabbilee tajaajilaa fi manneen barnootaa guyyaa guutuu cufamanii ooluu himeera. Waraana guyyaa guutuu gaggeeffameen booda waaree booda haalli ture tasagabbaa’uu kan hime jiraataan kun, haa ta’u malee, lammiilee Chaaayinaa butaman ammallee kan hin gadhiifamne ta’uu himeera. 

Jiraataan magaala Fiichee kan biraa Addis Standard dubbise guyyaa kaleessaa lolli cimaan jiraachuun walqabatee magaala Fiichee keessatti sochiin idilee addaan citee ooluu mirkaneesseera. Kana malees, dhimma lammiilee Chaayinaa butamanii fudhataman nama biraa irraa dhagahuu himeera.

Haata’u malee, jiraattonni lamaan kunneen lammiileen Chaayinaan butaman lakkoofsaan meeqa akka ta’an adda baasanii kan hin beekne ta’uu himan.  

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Dhimma kana qulqulleessuuf Addis Standard Qajeelcha Poolsii Godina Shawaa Kaabaa fi bakka bu’oota Warshaa Simmintoo Bahaa (East Cement Factory Share Company) argachuuf yaaliin taasise hin milkoofne. AS

Related Articles

Back to top button