AF-GAAFFIIDHIMMA HAWAASAA
Trending

AS-Jabduu: Manneen barnoota seeraa Itoophiyaa dhiirootaan dhuunfataman sirreessuun kaayyoo kooti: Magartuu Ayyalaa

Abdii Biyyansaatin   @ABiyenssa

Finfinnee, Hagayya 25/2023 – Magartuu Ayyalaa jedhamti. Godina Gujii magaalaa Adoolaa keessatti dhalatte guddatte. Barnoota sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Adoolaa Marsaa Lammaffaa jedhamutti barattee xumurte. Sana booda Yuunivarsiitii Walaayittaa Sooddootti makamuun barnoota seeraan digirii jalqabaa argatte. Digirii jalqabaa barana xumurte kanaan qabxii waliigalaa olaanaa 3.94 galmeessuun eebbifamtuu medaaliyaa warqee ta’uun xumurte. Kana malees, Magartuun dubartoota yuunivarsiiticha irraa eebbifaman keessaa qabxii olaanaa galmeessisuun badhaasa Geeba dabalataan argatteetti. 

Magartuun muuxannoo fi milkaa’ina jireenya ishee, akkasumas qormaatawwan ishee dabalatee dubartootni mana barumsaa seeraa Itoophiyaa keessatti baratan isaan mudatu ilaachisee Addis Standard waliin turtii taasisteetti.

Addis Standard: Iccitiin milkaa’ina gama barnootaan galmeessuu eegalte maali?

Magartuu Ayyalaa: Iccitiin milkaa’ina koo abdiidha. Yeroo ijoollummaa kootii kaasee barnoota koo irratti abdii guddaa qaba ture. Barnoota koo gadii irraa jalqabee hanga kutaa 12 xumurutti tokkoffaa bahan ture. Yeroo kanaa kaasee nama dhiibbaa guddaa uumuu ta’uun barbaada ture. Kanaaf immoo sirritti dubbisaa ture, yeroo koo sirritti fayyadamuunii fi gargaarsa Waaqaan milkaa’uu danda’eera. Gaheen maatii koos baay’ee guddaadha, hedduu na gargaaraa turan.

Yeroo boqonnaatti koo hojii maatii koo gargaaruunan dabarsa. Dhugaa dubbachuuf yeroo boqonnaa  baay’ee hin qabu garuu yeroo boqonnaa xiqqoo argadhutti nan boqodha, miidiyaalee hawaasaa nan fayyadamaa akkasumas kitaabota keessuumaa asoosamaa, falaasamaa fi saayikooloojii nan dubbisa. Bara 2014 irraa kaasee ammoo, yeroo boqonnaa koo qormaata bahumsaaf (Exit exam) dubbisuun dabarsaa ture.

AS: Danqaalee si mudatan?

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Magartuu: Danqaan baay’ee jira. Barnoonni seeraa immoo baay’ee ni cima, dubartummaaniis jira. Barattoonni dhaabbilee barnoota olaanoo keessatti argaman ga’umsa barnootaa gaarii akka qabaataniif dhiibbaa keessoo fi alaaf saaxilaman hedduu jiru. Hunda caala immoo qormaata barsisoota irraa na qunnamaa ture, barsisoota koo muraasa jechuudha. Barsiisonni dandeettii kiyyaan hin amananii ture. Yeroo qormaata nu kennan “situ akkas hojjatee? Jedhanii na gaafatu.

Qormaatni biraa ammoo haala qilleensa baruu dhabuu fi aadaa hawaasa naannoo yuunivarsiitichaa baruun na rakkisee ture. Hawaasni naannoo sanaas afaan ani hin beekne ture kan haasawan. 

Hunda caala garuu barumsichi baay’ee ulfaata ture. Barnoota (course) baay’achuu fi qabiyyeen barnootichaa baay’achuun akka ulfaatu taasiseera. 

AS: Dubartootni barnoota seeraa baratan danqaalee addatti isaan mudatu jira? Yoo jiraate maal fa’i?

Magartuu: Ragaaleen akka agarsiisanitti manneen barnoota seeraa Itoophiyaa keessatti argaman olaantummaa dhiirotaan kan qabamniidha. Mana barumsaa seeraa keessatti barattoota dubaraa tokko tokko irratti loogiin yeroo ta’uu ni argama. Haalli kun  immoo dhiibbaa yeroo itti ta’uu ni mul’ata. Sadarkaan amma keessa jirru dhimma walqixxummaan kun irra deebi’amee ilaalamuu qabudha.

Akka hubannoo kootti, ga’umsi barnootaa fi qulqullinni mana jireenyaa dubartootaa mana barumsaa seeraa tokko tokkoo keessatti argamuu kun kufaatii dhaabbilee hedduu qabatamaan jiru agarsiisa. Bakkeewwan qulqullina fi dubartootaaf mijataa taasisu irratti baay’ee irratti hojjatamuu akka qabu agarsiisa.

Barreessitoonni fi barsiisoonni seeraa hundaa osoo hin ta’iin muraasni, gama xiinsammuu hawaasummaa saalaa wajjiin walqabatan kan akka garaagarummaa akkaataa hojii dhiiraa fi dubartootaa irratti hundaa’uun qorachuu fi barsiisu qabu. Naannoo mana barumsa seeraa baay’een isaa dubartootaaf mijataa miti. 

Walitti dhufeenya barattoota cimsuuf akkasumas rakkoo isaanii furuuf gamtaa ijaaruun barbaachisaadha. Manneen barumsaa seeraa namoota sadarkaa fi beekumsa ogummaa seeraa isaanii ol kaasuu danda’an barbaaduun walqunnamsiisuu qabu.

Yeroo tokko tokko dubartoonni dirree dhiironni ol’aantummaan qabatanitti qormaanni isaan mudatu akka carraatti fayyadamuun rakkoo keessa bahuuf hojjachuu qabu. Akkasumas gorsaa ykn hiriyyaa amanamaa qabaachuun qormaata sana mo’achuuf karaa gaariidha.

AS: Dubartoota seera barachuu barbaadaniif ergaa maali qabda? 

Magartuu: Barnoonni seeraa akkuma barnoota kaniidha. Yoo cimanii hojjatan ni milkaa’u, yoo hin hojjatiin immoo milkiin hin jiru. Barnoonni seeraa yeroo ofii aarsaa gochuu fi daree barnoota sirnaan hordofuu gaafata.

Keessumaa dubartiin yoo dubbistee fi yoo yaalte dhiira caalaa milkaa’uu dandeessi jedheen amana. Dubartoonni yeroo isaanii sirritti dhimma itti bahuu qabu. Dubartoonni dubartii wajjiin qofa waldorgomuu hin qaban, dhiiroota faana illee dorgomuu qabu. Ani dhiiroota faana dorgomeen qabxii olaanaa fide Dhiira na duuba jiru qabxii 0.04 caaleen badhaafameera. 

AS: Karoorri kee gara fuula duraa maali?

Magartuu: Gara fuula duraa digirii lammaffaa fi sadaffaa kiyyaa barachuu barbaada. Gama ogummaa seeraa baradhee kanaan ammoo hawaasa tajaajiluu barbaada. Mana barnoota seeraa olaantummaa dhiirootaan dhunfatamee kanaa akka sirraa’uuf gahee guddaa taphachuus nan barbaada. Adeemsa keessa ammoo dubartii akka addunyaatti dhiibbaa uumtu ta’uu barbaada. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button