AADAA FI AARTIISEENESSA
Trending

Seenessa: “Seenaan anaaf daawwitiidha” – Bilisummaa Huseen, barreessituu kitaaba ‘Daandii Isaanii’

Abdii Biyyansaatin   @ABiyenssa

Finfinnee, Muddee 12/2023 – Bilisummaa Huseen kan dhalatte godina Arsii Lixaa aanaa Gadab Asaasaa ganda Fucoo Kaakkaatti yoo ta’u, umuriin ishee ganna shan yoo ta’u gara magaalaa Adaamaatti imaluun achitti guddatte. 

Magaalaa Adaamaatti barnoota ishee sadarkaa jalqabaa mana barumsaa Gadaa Kilooleetti baratte. Barnoota sadarkaa lammaffaa ammoo mana barumsa Goorootti xumurte. Sana booda magaalaa Adaamaatti Kolleejjii Oromiyaa Isteetirraa barnoota hoggansa biizinasii hordofuun xumurte. 

Yeroo ammaa kanatti ammoo mana uffata aadaa banattee hojjachaa jirti.

“Gaafa barnoota koo sadarkaa tokkoffaa baradhutti gumii aartii keessatti nan hirmaadha ture, nan hogganaas ture” kan jettu Bilisummaan, kitaaba barreessuuf fedhii guddaa akka qabdu himti. 

“Yeroon kutaa kudhan baradhutti kitaaba asoosama tokko barreesseen ture. Itti aansee seenaa Gootota Oromoo jedhu barreesse,” kan jettu Bilisummaan, tibbana ammoo kitaaba mata duree ‘Daandii Isaanii’ jedhu qabu eebbisiiftee gabaaf dhiyeessuu himte.  

Bilisummaan dhimma muuxannoo oogummaa ishee fi qabiyyee kitaaba tibbana eebbisiifte ilaalchisee Addis Standard waliin turtii taasifteetti. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Qabiyyee kitaabichaa

“Kitaabni koo ‘Daandii Isaanii’ jedhu kun seenaa Gootota Oromoo irratti fuulleeffata. Adeemsa qabsoo isaanii, jiruu fi jireenya isaan keessa darban bal’inaan ilaala. Bu’aa ba’ii keessa darban hunda galeessa godhamee kan barreeffamedha,” jetti Bilisummaan.

Kitaabichaa keessatti seenaa gootota Oromoo kan akka Taaddasaa Birruu, Jeneraal Waaqoo Guutuu, Leenjisoo Diiggaa, Aslii Oromoo fi kanneen biroo keessatti hammatamuu kan eertu Bilisummaan, kitaabichi fuula 157 akka qabuus himti. 

Akka Bilisummaan jettutti, kitaabni ‘Daandii Isaanii’ jedhu kun seenaa gootota Oromoo waggoota dhibba tokkoof shantamaa asii gootummaa isaanii agarsiisan irratti kan xiyyeeffateedha. “Waarqituu Wadaajoo/Walloo hanga Artiisti Haacaaluu Hundeessaa kan of keessatti qabatedha,” jetti.

“Kitaabichi bifa seenessaadhaan namni hundinuu hubachuu danda’uun barreeffame,” kan jettu Bilisummaan, tartiibaan seenaa gootota Oromoo fincila diddaa gabrummaa gaggeessan seenessa jetti. 

Bilisummaan, “kitaabni kun waan gumaachee keessa tokko seenaa Warqituu Walloo kan of keessatti bifa haaraan katabeedha,” jette. “Oromoon baayyeen seenaa gootitti kana sirriitti hin beeku.” 

Kana malees, “Oromoon baayyee Jaal Nadhii Gammadaa fi Jaal Magarsaa Barii maqaa duwwaan beeka malee waan keessa darban sirriitti hin beeku. Kitaabni Daandii Isaanii jedhu kun kana agarsiisuuf kan xiyyeeffateedha,” jetti Bilisummaan. “Seenaa Abdiisaa Aagaa illee yoo ilaalle, seenaa warri adiin illee irraa barachuu danda’an hedduu of keessatti kan qabateedha.”

“Seenaa gootota Oromoo keessatti gahe dubbartoota jiraatuus hanga ammaatti sirriitti hin katabamne, kitaabni koo kun ammoo hamma danda’ee qaawwa kana duuchuuf kan yaaleedha,” jette.

Kaka’umsa kitaaba barreessuu… 

Akkuma Artisti Haacaaluu Hundeessaan jedhetti, “Oromoon wal malee fira hin qabu,” kan jettu Bilisummaan, Oromoon nama seenaa isaa himuu illee hin qabu jetti. “Namnii seenaa keenya himu hin qabnu, nutu walitti himuu qaba, waliif himuu qabna. Dabalataanis seenaa Oromoo bifa Oromoon addunyaatti himu qabna. Biyya kana keessatti illee seenaan Oromoo bifa Oromoon hin barraa’uu, seenaa isaa jallisanii barreessuu,” jette.

“Seenaa gootota kanneen biroo biyya kana keessatti yoo ilaallee baayyee gadi fageenyaan kaatabama, yoo kan Oromoo ilaallee garuu sadarkaa sanarraa hin jiru. Haloonni kun akka ani barreessuuf na kakaasaniiru. Akka Oromoo tokkottis, seenaa gootota Oromoo barreessuun dirqama kooti jedheen barreessu jalqabe.”

Seenaan maali?

Akka Bilisummaan ibsitutti, “seenaan taateewwan baroota darban dhimma dhala namaa fi uummama hariiroo dhala namaa faana hidhata qaban kan qoratuudha. Taateewwanii fi guddina siyaasaa, hawaasummaa, aadaa, diinagdee fi waraanaa dabalatee mata dureewwan bal’aa irratti kan fuulleeffatuudha.”

Bilisummaan, “seenaan anaaf daawwitiidha,” jetti. “Akkuma makkaaksi Oromoon ‘namni seenaa isaa hin beekne bishaan gabatee irraati’ jedhu anaafis namni seenaa hin beekne garatti deemu hin beeku jedheen amana,” jetti.

Itti dabaluun, “anaaf seenaan jireenya kooti, ka’umsa eenyummaa kiyyaati. Seenaan uummata Oromoof daandii bilisummaati, daandii milkaa’inaati. Hawaasni seenaa hin qabne addunyaa kana irraa hin jiru” jette.

Faayidaalee seenaa himuu

Akka Bilisummaan jettutti, seenaan hubannoo bal’aa taatee darbe irratti qabaachuuf, hubannoo yeroo ammaa fi gara fuuladuraa argachuuf, milkaa’ina fi kufaatii hawaasaa fi qaroomina darban irraa waa barachuuf, barumsa seenaa irraa arganne jireenya fi murtoo mataa keenyaa irratti kennuuf gargaara.

Itti dabaluun, “hundee taateewwanii fi dhimmoota yeroo ammaa hubachuuf, miira eenyummaa ofii guddisuuf, haala fi ilaalcha kennuun yaada qeeqaa kennuu fi murtee odeeffannoo irratti hundaa’e dabarsuuf seenaa beekuun nu fayyada,” jetti. 

Maddeen odeeffaannoo fayyadamte

“Seenaan madda malee seenaa ta’u hin danda’u, kitaabni seenaa kamuu madda amanamaan hin deeggaramne taanaan sadarkaa kitaaba seenaa ta’u hin danda’u“ kan jettu Bilisummaan, yeroo kitaaba Daandii Isaanii jedhu barreessitu maddeen garagaraa fayyadamuu himti. 

Maddeen kunneenis; maatii qabsaa’oota, kitaaboolee seenaa barreessitoota kan akka Mohaammad Sa’id, Maammoo Gadaa, Taaboor Waamii, Olaanaa Zoogaa, Mootii Biyyaa fi kanneen biroo barreessan fayyadamuu himti.

Namoota akka fakkeenyaatti ilaaltu

“Dargagoonni namoota akka fakkeenyaatti ilaalan qabaachuu qabu. Faayidaaleen namoota akka fakkeenyaatti qabaachuun hedduudha, kanneen keessaa dogoggora isaanii irraa barachuu, qajeelfama fi kallattii irraa argachuu fi dandeettii isaanii irraa kaka’umsa gabbifachuuf baayee barbaachisaadha” jetti.

Namoota baayyee kitaaboolee isaanii dubbisuun faana isaanii hordofuu hedduutu jiru kan jettu Bilisummaan, kanneen keessaa Yaazoo Kabbadaa, Abrahaam Jaalataa fi Dr Asaffaa Tafarraa eerti. :Barsisoonni, barreessitoonni fi beektoonni kunneen dhiyeenyaan na gorsaa turan, ammas na gorsaa jiru.” 

Erga dargagootaaf qabdu

“Dargagoonni seenaa dubbisuu qabu. Maanguddoota irraa seenaa isaanii barachuu qabu. Seenaa isaanii qorachuu qabu. Kitaaboota seenaa dubbisuu qabu. Seenaa isaanii hin dubbisan taanaan rakkoolee garagaraaf saaxilamu. Seenaa isaanii dubbisuu fi qorachuun dirqama dhaloota qubeeti” jetti Bilisummaan.

“Dargagoonni keenya karaa miidiyaa hawaasaan waan hedduu dalagaa oolu. Miidiyaa hawaasaa fayyadamuun gaarii ta’e otoo jiruu, dargagoonni keenya gaaffii of gaafachuu qaban qabu, miidiyaa hawaasaa itti fayyadamaan jira moo natti fayyadamaa jira isa jedhu of gaafachuu qabu. Sanaanis of ilaalanii karaa qajeelfachuu fi saba isaaniif waa gumaachuu qabu,” jetti. AS

Related Articles

Back to top button