ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Obbo Taayyee Danda’aa to’annoo jala oolan; Mootummaan “humnoota farra nageenyaa waliin hojjechaa turuu isaanii mirkanaa’eera” jedhe

Finfinnee, Muddee 12/2023 – Onkoloolessa bara 2022 irraa kaasee Deetaa Ministira Nageenyaa Itoophiyaa ta’uun tajaajilaa kan turanii fi kaleessa Muddee 11 xalayaa MM Abiy Ahimad irraa ergameen aangoo isaanirraa kan kaafaman Obbo Taayyee Danda’aa har’a to’annoo jala ooluu isaanii Humna Waloo Nageenyaa beeksise.

Humni Waloo Nageenyaa ibsa har’a miidiyaaleef ergeen, “Obbo Taayyeen itti gaafatamummaa ummataa fi mootummaa irraa itti kenname, keessattuu Ministira Ministeera Nageenyaa ta’uun nagaa mirkaneessuuf hojjechuu otoo qabanii faallaa kanaatiin, humnoota farra nagaa Itoophiyaa diiguuf hojjetan waliin ta’uun ergama diigumsaa osoo hojjechaa jiran argamaniiru,” jedhe.

Ibsichi itti dabaluudhaan, “ajjeechaa fi uggura lammiilee nagaa naannolee biyyattii garagaraa keessatti raawwatamu duuba jiraachuu bira gahameera” jedhe.

“Kaayyoo badii kana irratti bobbahuu isaaniin to’annoo jala akka oolan yeroo beekan, qabsa’aa fakkaachuuf marsaalee hawaasaa ofiisaanii fi kanneen biroo irratti barreeffamoota farra nageenyaa ta’an dabarsaa turaniiru,” jedhe ibsi humni waloo baase kun. Kana malees, itti gaafatamummaa mootummaa fudhatanii wayita turanitti caasaa mootummaa fi paartii diiguuf socho’aa turaniiru jechuun himateera.

Hordoffii irratti taasifameenis “hoggantoota Waraana Bilisummaa Oromoo (kan mootummaan ‘ABO Shanee’ jedhe waamu) waliin ta’uun mootummaatin jeequmsa fi hidhannoon kuffisuuf hojjechaa akka turan bira gahameera,” kan jedhe ibsichi, wayita to’annoo jala oolanis sakatta’insa mana isaanii keessatti gaggeeffameen bilbiloota harkaa 9, laaptooppii 4, filaashiiwwan hedduu, gabatee konkolaataa 4, meeshaalee waraanaa fi alaabaawwan ABO dabalatee meeshaalee biroo argamuu ibseera. 

Kana malees, sakatta’insa har’a ganama mana isaanii keessatti gaggeeffameen “miseensa ABO-Shanee dhokatee ture argamuu fi to’annoo jala ooluu” ibsameera.

Humni Waloo Nageenya Biyyaaleessaa kanumaan walqabatee qaamolee caasaa mootummaa fi paartii keessa taa’anii kaayyoo badii walfakkaataa keessa hirmaatan hordoffii cimaa irratti taasifamaa jiraachuu fi tarkaanfiin akka fudhatamu beeksiseera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Dudduubee

Obbo Taayyee Danda’aa af-gaaffii tibbana BBC waliin taasisaniin mootummaa ofii keessa jiran marii araaraa WBO waliin taasifame gufachiisuun himachuun isaanii ni yaadatama. “Marroon dubbiin kuni haa dhumu, yoo mootummaanillee nadhahe haa du’u jedhee ‘risk’ fudhatee gaaraa bahee xiyyaaran Taanzaaniyaa deeme. Kuni anaaf kutannoo agarsiisa,” jedhan.

Borumtaa mariin araaraa eegalame gama mootummaatiin “shanee balleesinee jirra, cabsaa jirra kan jedhu ololli ni eegale. Olola qofa osoo hin taane waraanni bakka hundaa socho’ee waan dur hin jirretu deebi’ee waraana waggaa shan keessatti hin dhumne yeroo marii sana keessatti fixuuf dhamaatiin godhame” jedhan.

Haalota kana yoon ilaalu mootummaan kiyya kuni dubbichi mariidhaan akka dhumu waan barbaade natti hin fakkaatu jedhan angaa’aan kun.

Onkoloolessa bara 2022 irraa kaasee Deetaa Ministira Nageenyaa Itoophiyaa ta’uun tajaajilaa kan turan Obbo Taayyee Danda’aa qeeqa cimaa mootummaa irratti dhiyeessan kana hordofee xalayaa MM Abiy Ahimad irraa barreeffameen kaleessa Muddee 11 irraa kaasee aangoo isaanii irraa kaafamuu ni yaadatama.

Obbo Taayyeen aangoo irraa kaafamuu isaanii ilaalchisee barreeffama gabaabaa fuula feesbuukii isaanirratti maxxansaniin, jecha cimaa “cubbamaa dhiiga namaatiin taphatu” jedhu fayyadamuunn MM Abiy qeeqaniiru. Itti dabaluun, “Otoon shira Oromoo Oromoodhaan balleessuu fi obboleeyyan isaatiin walitti buusuuf kaatan argaa callisuu dhabuu kootii baayyeen gammada,” jedhan. AS

Related Articles

Back to top button