ODUUSIYAASA

Oduu: Sababa waldhabdee Naannoo Amaaraatti itti fufee jiruun dubartootni 200 ta’an gudeedamuu KMNI ibse

Finfinnee, Onkoloolessa 30/2023 – Naannoo Amaaraatti Adoolessa 2023 irraa eegalee godinaalee hunda keessa waraanni meeshaa gurguddaa fi haleellaa dirooniin deeggarame gaggeeffamaa jiraachuu fi  adeemsa kana keessatti namoonni nagaa hedduu ajjeefamuu Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibsa har’a baaseen beeksise.  

Aanaaleen naannoo Amaaraa yeroo tokkotti humna tika mootummaa jala, yeroo biraa ammoo garee hidhatee Faannoo jedhamuun waamaman jala turaniiru kan jedhe KMNI, adeemsa waraana kana keessatti dubartoonni naannichaa gara 200 ta’an gudeedamaniiru jedhe. Komishinichi ibsa isaa keessatti gochoonni gudeeddii raawwataman hatattamaan qoratamee tarkaanfiin barbaachisaa fudhatamu qaba jechuun hubachiiseera.

Odeeffannoo dhaabbilee fayyaa naannicha keessatti argaman irraa wabeeffateen Adoolessa 2023 kaasee yoo xiqqaate dubbartoonni 200 gudeedamaniiru kan jedhe KMNI, kana malees namoota sababa waraana kanaan qe’ee isaanirraa buqqa’an keessaa dubartoota fi daa’imman gahee olaanaa qabatu jedheera.

Akka ibsichatti,  jiraattonni sababa jeequmsa ykn walitti bu’iinsa irraan kan ka’e qe’ee isaanii irraa buqqa’anii haala yaaddessaa keessa jiru. Kana malees, miseensonni qaama nageenyaa ajjeechaa seeraan ala raawwachaa akka jiran ibseera. Itti dabaluun, ajjeechaan kun karaa irratti ykn mana namoota nagaa sakatta’uun maqaa shakkii hidhattoota Faannoo deeggaruu, odeeffannoo kennuu, meeshaa waraanaa daddabarsuutiin akka raawwatamu ibseera. 

Akkasumas naannichatti sababa daddabarsuu maallaqaa irratti daangeffamni kaa’ame irraa kan ka’een dhaabbilee tokko tokko kaffaltii miindaa addaan kutuu ibseera. Addaan cituun miindaa kun ammoo jiraatoonni rakkoo hawaasummaa fi diinagdeetiif akka saaxilaman godheera jedhe.

Dhaabbilee naannichatti hayyama addaa qaban irraa kan hafe iddoowwan walitti bu’iinsi jirutti tajaajilli intarneetii fi bilbilaa addaan kutameera jechuun ibseera.

KMNI ibsa isaa kanaan humnoonni waraanarra jiran namoota nagaa fi bu’uuraalee misoomaa irratti xiyyeeffachuu akka hin qabne hubachiiseera. Itti dabaluun, mootummaan tajaajila hawaasummaa irra deebiin akka jalqabsiisuuf gaafateera. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button