DHIMMA HAWAASAASEENESSA
Trending

Dhalataa Itoophiyaa Piroofeesara Cimaa 2023 ta’uun filataman eenyu?

Finfinnee, Muddee 11/2023 – Dhalataa Itoophiyaa biyya Ameerikaa Yuunivarsiitii Saavaanaatti Piroofeesara Herreega kan ta’an Piroofeesar Mulaatuu Lammaa Piroofesara Cimaa bara 2023 jedhamuun beekamtii argatan.

Beekamtii kana kan isaaniif laate Waldaa Ogeessota Olaanoo Idil-addunyaa (IAOTP) ta’uu Imbaasiin Ameerikaa karaa marsaa hawaasaa isaarratti beeksiseera.

Piroofeesar Mulaatuu Lammaa ogummaa barsiisummaan waggoota soddomaa ol dabarsaniiru. Muuxannoo waggoota dheeraa kana keessaa ammoo waggoota digdamii saddeet yuunivarsiitii Saavaanaa Isteetitti barsiisaniiru. Bara hojii yuunivarsiitii kana keessa dabarsaniinis, hanga ammaatti waraqaawwan qorannoo 100 ol maxxansaniiru. 

Kanaan dura Itoophiyaatti Kolleejjii Juuniyaar Awaash keessatti barsiisummaa fi gorsaa ta’uun waggoota shan dabarsaniiru.

Piroofeesara Herreegaa Cimaa bara 2023 ta’uun kan badhaafaman Piroofeesar Mulaatuun, muuxannoo yeroo dheeraa kan qaban, hojii isaaniif amanamaa ta’uun kan hojjatan, ogeessa damee barnootaa ga’umsa olaanaa qaban ta’uu isaanii odeeffannoo dhaabbata beekamtii isaaniif laate irraa argame ni mul’isa. 

Piroofeesar Mulaatuus, yaadama herreegaa maqaa isaaniin moggaafame “Lakkoofsa Mulaatuu” jedhamu hawaasa herreegaa addunyaa waliin wal barsiisuun beekamu. 

Piroofeesar Mulaatuu Lammaan, bara 2011 “Lakkoofsa Mulaatuu” hawaasa herregaa fi addunyaaf beeksisan. Lakkoofsi Mulaatuu tartiiba walitti makamaa lakkoofsota “4,1, 5,6,11,17,28,45…” yoo ta’u, lakkoofsi kunniin akkaataa fi amala hawwataa ta’e qaba jedhamu. Kunis lakkoofsota tartiiba kanarra jiran lama walitti yoo ida’aman lakkoofsa tartiiba isaan boodarra jiru kennu.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Gara hojii barsiisummaa fi qorannoo amma ittiin beekamanitti osoo hin galiin dura, bara 1977 Yunivarsiitii Finfinnee irraa digirii jalqabaa argataniiru. Barnoota isaanii itti fufuun bara 1982tti damee herreegaan digrii lammaffaa isaanii achuma yuunivarsiitii Finfinneetti xumuraniiru. 

Gara biyya Ameerikaatti erga deemanii boodas bara 1993tti digirii lammaffaa isaanii yeroo lammaffaaf damee herreegaatiin Yunivarsiitii Keent Isteetii irraa argataniiru. Ammas bara 1994 Yunivarsiitii Keent Isteetii irraa digirii sadaffaa (PhD) isaanii xumuraniiru.

Piroofeesar Mulaatuun hojii isaanii irraa kan ka’een kanaan dura badhaasa adda addaa argataniiru. Isaan keessaas, bara 2020tti badhaasa Pirezidaantummaa Saayinsii, Herreega fi Injinariingii Mentoringii argataniiru.

Badhaasni kun namoota dhuunfaa damee saayinsii, teeknooloojii, herreega fi injinariingii irratti hojii gaarii hojjatan kana badhafaamaniidha. AS

Related Articles

Back to top button