DALDALAODUUSIYAASA

Oduu: “Soomaalii Laand” tika daangaarraa cimsuu ibsite

Finfinnee, Muddee 06, 2023 –  Battala rakkoon nageenyaa Galaana Diimaafi Ulaa Daldala Galoo Galaana Eden dabalaa jiru kanatti tika daangaarraa cimsaa jiraachuu mootummaan “Somaalii Laand” beeksise.

Galoo galaana Bab Eel Mandab keessatti dooniiwwan idiladdunyaa irratti haleellaan gaggeeffamu dabalaa dhufuu ibsuun nannichatti tika isaa cimsuu addeesseera. Haleellaan kuni waraana Israa’eeliifi Gaazaa gidduutti godhamaa jiru hordofee ta’uu Horn Diplomat gabaaseera.

Haleellaawwan gaaggeeffamaa jiran kanatti xiyyeeffannaa kennuun dhiyeenyaan hordofaa jiraachuu mootumaan Somaalii Laand ifoomseera. Dhiibbaa hawaas-dinagdee haleellaawwan kunneen uuman yaaddeessaa ta’uu himeera.

Soomaalii Laand qarqara galaana 850km dheeratu irratti  saamicha galaanarraa and daldala seeraan alaa tiksuuf humna waraanaa bobbaasuu ifoomseera. Biyyoota ollaa biroo waliin tumsaan hojjachuu fedhii kan qabu ta’uu eereera.

Finfiltoonni Yamanii Hawtii kan kutaa biyyaa too’atanii jiran haleellaa garaagaraa gaggeessuu amananiiru. Dooniiwwan Israa’eel rukutuuf kaayyeeffachuu garichi ibseera.

 Misaa’ela balali’aa finciltoonni Yamanii dhukaasaniin doonii daldalaa sadi Sanbata Guddaa Galaana Diimaa keessatti rukutamaniiru, akkasumas waraana ofirraa qolachuu dooniin waraanaa Ameerikaa taasiseen dirooniiwwan sadi kuffisuun gabaafameera, AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button