AADAA FI AARTIIODUU
Trending

Oduu: Badhaasni Og-barruu Gaaddisaa marsaa 2ffaa barreessitoota, gaazexeessitoota fi qooda fudhattootaaf beekamtii kennuuf gaggeeffame  

Finfinnee, Onkoloolessa 30, 2023 – Badhaasni ogbarruu barreessaa hangafa Asoosama Afaan Oromoo ammayyaa Gaaddisaa Birruu yaadachuuf maqaa ‘Badhaasa Gaaddisaa’ jedhuun moggaafame marsaan lammaffaa kaleessa Onkoloolessa 29, 2023 Finfinneetti gaggeeffame.

Sagantaa kanaan Waldaan Barreessitoota Oromiyaa kitaabilee Ogbarruu addaa addaa bara 2014 ALI maxxanfaman keessaa kanneen, kalaqa dhuunfaa ta’aniifi kanneen hojii hiikkaa hin taane keessaa akaakuu sadii calalee badhaasaafi beekamtii kenneefi jira.

Akka odeeffannoo waldichaa irraa argameen badhaasichi Waldaa Barreessitoota Oromiyaatiin haa qophaa’u malee, adeemsi calalliisaa qindeessummaa Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruufi Fookilooriin Yuunvarsiitii Finfinnee, Yuunvarsiitii Wallaggaa, Yuunvarsiitii Arsiifi Yuunvarsiitii Jimmaatiin hojjetame.

Kitaabota walaloo bara 2014 barreeffaman keessaa, kitaaba walaloo filatamaa jedhamuun sadarkaa 1ffaa hanga 3ffaatti kitaabileen walaloo sadii badhaafamanii jiru. Kitaaba walaloo “Nafa Naafate” kan waloo Riyaad Raayyaatiin barreeffame, kitaaba filatamaa bara 2014 jedhamuun 1ffaa yoo ta’u, kitaabni walaloo “Maqaa fi Maqa” kan waloo Gaaddisaa Tafariitiin barreeffame 2ffaa, kitaabni walaloo “Adiyyoo” Jaatoo Shaalomiin barreeffame fi kitaabni walaloo ‘Ungulaallii” jedhu Yeyyiis Birruutiin barreeffaman qabxii wal fakkaataan 3ffaa ba’anii jiru.

Gama Asoosama dheeraanis kitaabni “Addeessa Goobane” jedhu kan Lammii Booji’aan barreeffame 1ffaa, kitaabni Asoosamaa dheeraa “Irbooricha” jedhu kan Wabii Kabbadaa Barkeessaan barreeffame 2ffaa, kitaabni Asoosamaa dheeraa “Gurra Abbaa Koo” jedhu, Baayisaa Bulbulaa Sanbatuutiin barreeffame 3ffaa ta’uun badhaasaafi beekamtii argatanii jiru.

Asoosamoota gaggabaaboo (Asooga) keessaa kitaabni “Ganaa Ganamte” Sobbooqa Guddataatiin barreeffame 1ffaa, kitaabni “Dabaree Dhalootaa” kan Seenessaa Magarsaatiin barreeffame 2ffaafi kitaabni ‘Ekeraa Ciincoofte” jedhu kan Qananii Birhaanuun barreeffame 3ffaa ta’uun badhaafamaniiru.

Kana malees, gaazexeessitoota qaroo kanneen dhimma Ogbarruu Oromoo abbumaatiin of kennanii miidiyaa irra jiran hunda irratti hojjechuun beekaman, gaazexeessituu Jaallanee Gammadaa VOA irraa, Margaa Angaasuu OBS irraa, Zamadkun Misganaaw FBC irraa, Abdulahab Abdulqaadir OBN irraa, beekamtii addaa kennameefii jira.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Barreessaa seenaa Alamaayyoo Haayilee ammoo badhaafamaa Galma Umurii Guutuu ta’uun Waldaa Barreessitoota Oromiyaa irraa badhaafameera. AS

Related Articles

Back to top button