DHIMMA HAWAASAASEENESSA

Seenessa: Godinaalee Wallagga Lixaa, Qeellamitti dhibee busaatiin lubbuun namootaa darbuun itti fufe

Abdii Biyyansaa @ABiyenssa

Finfinnee, Sadaasa 30, 2023 – Oromiyaa godina Wallaggaa Lixaa aanaa Qondaalaa keessa kan jiraatu Obbo Tolasaan, dhiheenya kana sababa weerara busaatiin ilma isaa ganna 14 Gammachiis jedhamu dhabuu isaa hima. 

“Ilmi koo Onkoloolessa 14 bara 2023 irraa eegalee hanga Adoolessa 05 bara 2023 hanga du’utti mallattoo dadhabbii, dhukkuba garaachaa, ho’a qaamaa, qorra, fi infuleenzaa agarsiiseera,” jedha maqaa jalqabaa qofaan akka adda baafamu kan gaafate Tolasaan Addis Standard’tti himeera.

Waraana Waraana Bilisummaa Oromoo fi humnoota mootummaa gidduutti gaggeeffamaa jiruun walqabtee buufataaleen fayyaa naannicha keessatti argaman tajaajila gahaa kennaa hin jiran.

Waldhabdeen kuni gaaga’amaa guddaa geessisuun keessumaa tajaajila fayyaa fi dawaa barbaachisaa argachuu dhabuun maatiin Tolosaa Gammachiis yaala sirrii barbaaduun akka isaan rakkisu taasiseera.

Barataa cimaa kutaa torba kan ta’e Gammachiis erga du’ee guyyoota lama booda daa’imni ganna 9 Abdii jedhamu, ilma obboleessa Tolasaa ta’e, haala nama gaddisiisuun dhibee busaatiin du’eera.

Obbo Tolasaa gidiraa ilmi isaafi ilma obboleessa isaa barataa kutaa shanaffaa baratuu kan dhibee busaatiin lubbuunisaanii darbee yeroo himutti mallattoleen garaagaraa irratti mul’achuu himeera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Ilmi obboleessa isaanii ji’a Onkololeessaa keessa dhukkubichaan qabamee lubbuun isaa darbe mallattoolee akka dadhabbiii qaamaa, garaa kaasaa, dadhabbii maashaalee,dhukkuba lafee, ho’aa qaamaafi dhukkubbii mataa agarsiisu obbo tolasaan himaniiru.

Akka Obbo Tolasaan jedhanitti, rakkoo hir’ina meeshaa tajaajila fayyaatiin walqabatee wal’aansi dhukkubsattootaaf taasifamu gadiaanaa waan tureef lubbuun namoota hedduu darbeera. Gandoota garaagaraa keessatti rakkoo hongeefi hanqina nyaataa isaan mudateen wal’aansoo gahaan wan hin argamneef dandeettiin dandamachuu hawaasni naannichaa gadi bu’uu obbo Tolasaan dabalanii himaniiru.

Dhabamuun nageenyaafi haleellaan humnoota naannichatti hidhatanii socho’aniifi mootummaa gidduutti raawwatamu hordofuun buufataalee fayyaa naannichatti argaman irratti dhiibbaa uumeera. Dhaabbileen fayyaa akka barbadaa’aniifi deeggarsi buufataalee kanaaf taasifamu godhamu danqeera.

Rakkoo tajaajila fayyaa, hogeefi hanqina nyaataa irraa dandamachuuf maatii isaa  carraaqaa jiraachuu obbo Tolasaan dabalanii himaniiru.

Jiraataan aanaa Beegii ganda Gunfii Taammanee Taaddasaa haadha warraa isaa Aadde Ayyaantuu Abeebee, ganna 25 taateefi mucaa isaa kan garaa haadha isaa keessa jiru dhabuu isaatiin gaddi itti dhagahame olaanaa ta’uu hima.

“Haati manaa koo ulfa guyyaa 45 turte. Qoricha gahaa malee ji’a tokkoof wal’aansoo erga wal’aanamtee booda dhukkubichaan lubbuun dhabdeerti,” Taammaneetu jedhe.

Aadde Ayyaantuun Adoolessa 3 irraa eegalee guyyoota 27f erga turtee dhukkubaichaan duuteerti. Tooftaa garaagaraatiin wal’aanuu yaalanis wal’aansi godhameef gahaa waan hinturreef ji’a tokko boodaa lubbuun darbuu Taammaneen himeera.

”Yeroo rakkisaa kana keessatti hawaasni ganda keessaa jiraatu walitti dhufuun isa jajjabeessaniiiru, garuu Ayyaantuu dhabuun wanta salphaatti guutamuu yookaan bakka buusuu hin dandeenye dha. Du’uun ishee hawaasa biratti gara laafina isheetiin beekamtu keessatti gadda guddaa geesiseera.”  jechuun Taammaneen Addis Standarditti himeera.

Yeroo malee du’uun Ayyaantuu Tamaanee fi hawaasa isaanii gadda guddaa keessa galcheera.  Ayyaantuu gaarummaa fi arjummaa isheetiin kan beekamtu yoo ta’u, dhabuun ishee namoota ishee beekan hunda irratti dhiibbaa guddaa geessiseera. 

Akka ogeessota fayyaatti rakkooleen fayyaafi nageenya hawaasa naannoowwan kanneen irratti geesisaa jiru baay’ee yaaddessaa ta’uu himaniiru.  Dhiyeessiin meeshaalee wal’aansaa barbaachisoo ta’an osoo addaan hin citin akkasumas tajaajilli eegumsa fayyaa naannolee kanneen keessatti akka deebi’uuf tattaaffiin taasifamuu akka qabu ogeeyyiin fayyaa kunneen himaniiru. 

Obbo Iddoosaan abbaa isaa obbo Tasfaayee Hambisaa sababa hanqina qorichaa busaa fi meeshaalee yaalaa birootiin irraa kan ka’e dhabuu himeera. Abbaan isaa dhabuuttti kan gadde ta’uu ibseera. Obbo Hmabisaa nama gaaarummaadhaan beekaman turan.

Jiraataan kun itti dabaluudhaan dhiyeessiin talaallii busaa sababa waldhabdee Waraana Bilisummaa Oromoo fi raayyaa ittisa biyyaa gidduun jiruun danqamuu himeera. Rakkoo dhiyeessii qorichaaf  furuun baay’ee murteessaa akka ta’e eereera.

Weerarri dhukkuba busaa, keessumaa godinoota Lixa Wallaggaa fi Qeellam Wallaggaa keessatti rakkoo guddaa ta’eera, keessumaayyuu haawasa naannoo irratti rakkoo guddaa geesisa jira. Weerarri dhukkuba busaa kun daa’imman dabalatee lubbuu namoota hedduu irratti miidhaa guddaa geessisa jira.

Walitti bu’iinsi itti fufee jiru hongee fi weerarri busaa walitti dabalamuun Lixa Oromiyaa keessatti balaa namoomaa guddaa uumeera; namoonni hedduu gargaarsa malee rakkachaa jiru. 

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniittii qindeessaa gargaarsa namoomaa (OCHA) gabaasa haala yeroo dhiyoo baaseen akka beeksisetti, Guraandhala bara 2023 irraa eegalee walumaa galatti naannoo Oromiyaa aanaalee 117 fi magaalota gurguddoo 7 keessatti namoota dhibee busaa qabaman 774,519 yoo ta’u, kanneen keessaa lubbuun namoota 180 darbuufi weerarri dhibee dhibbeentaa 70 ol kan gabaafame Lixa Oromiyaa keessumaa godina Wallagga Lixaa fi Qeellam Wallaggaa ta’uu ibseera.

Ogeessa fayyaa kan ta’an Dr. Alamaayyoo Kafaani, Miseensonni Waldaa Ogeessota Fayyaa Oromoo naannoolee dhukkuba busaan miidhaman godina Qeellam Wallaggaa fi Lixaa Wallaggaa ergaman keessa isaa tokko kan ta’e Addis Standard’tti akka himetti, wanta hawaasni jedhuu fi wanta miidiyaadhaan odeeffamaa jiru caala weerarrin dhibichaa yaaddessaa ta’uu himeera. Wal’aansi fayyaa gahaan kan hin  jirre ta’uu eereera.

Itti dabaluudhaanis, ilaalcha ummanni haala kanaaf qabuu fi ullfaatina weeerarichaa gidduu garaagarummaa guddaan  jiraachuu himuun, garaagarummaa kana furuu fi lubbuu namaa dabalataa akka hin badneef tarkaanfiin hatattamaa fudhatamuu qaba jedha.

Dr. Alamaayyoon qaamoleen naannichatti walitti bu’iinsa kana keessatti hirmaatan hundi nageenyaa namoota dursa akka kennu qaban ibsaniiru. Iddoowwan Sababa waldhabdeen miidhaman kana keessatti gidiraa salphisuu fi lubbuu namaa dabalataa akka hin badne gochuun kan dandeenyu tarkaanfii murteessaan yoo fudhatame qofaadha.

Itti dabaluunis, fedhii yaalaa hatattamaa furuu bira darbee, naannolee kanneeniif furmaata yeroo dheeraa irratti hojjechuun murteessaa ta’uu ogeessii kuni ibseera.  Kunis bu’uuraalee misoomaa dhaabbilee eegumsa fayyaa irratti invastimantii gochuun, hojjettoota eegumsa fayyaa naannoo leenjisuun, tarkaanfiiwwan ittisa dhukkuba busaa fi dhukkuboota biroo hojiirra oolchuu dabalata jedha.  Hawaasa tasgabbaa’aa fi dandamatu akkasumas rakkoo fayyaa gara fuula duraa ittisuu danda’u uumuufis tattaaffiin misooma itti fufiinsa qabuu fi  nageenyi waaraa ta’e barbaachisaa dha jedha.

Kana malees, dhumarratti rakkoo fayyaa naannoo waraanaan miidhame furuuf furmaata qaamolee garaagaraafi tumsa mootummaa, dhaabbilee miti-mootummaa fi dhaabbilee idil-addunyaa of keessaa qabachuun akka qabu hubachiiseera.

Nageenya hawaasa sababa rakkoo nageenya fi dhibee kanaan miidhameef dursa kennuudhaan furmaata itti fufiinsa qabu irratti hojjechuun rakkoo fayyaa gara fuula duraatti akka hin uumamne ittisuuf tarkaanfachuun murteessa ta’uu Dr. Alamaayyoon akeekaniiru. AS

Related Articles

Back to top button