ODUUSEERA FI HAQA

Oduu: Lammilee biyya alaa daldala albuuda seeraan alaa irratti hirmaatan 100 ol irratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Sadaasa 17/2023 – Lammiilee biyya alaa albuuda seeraan alaa daddabarsuu irratti hirmaatan 100 ol ta’an irratti tarkaanfiin fudhatamuu Ministeerri Albuudaa beeksise. Laamileen biyya alaa kunneen adda durummaadhaan Chaayinaa fi biyyoota Afrikaa irraa kan dhufan ta’uu ibsameera.

Deetaa Ministira Albuudaa Miiliyoon Maatewoos DhPItti akka himanitti, gareen to’annoo daldala albuudaa seeraan alaa to’achuuf hundeeffame lammiileen biyya alaa daldala albuudaa seeraan alaa irratti hirmaatan 100 ol seeratti akka dhiyaataniifi dirqamaan akka biyyaa ba’an taasiseera.

Albuuda baasuu fi daldala seeraan ala irratti hirmaatanii kan turan lammilee 100 ol [lammilee Chaayinaa, biyyoota Afrikaa fi ardiilee adda addaa irraa dhufan] irratti qorannoo taasisuun rakkoo kana hir’isuuf tattaaffiin taasifamuu himaniiru. 

Erga bara 2015 ALI gareen hordoffii fi to’annoo hundeeffamee as albuuda seeraan alaa ittisuuf hojiiwwan adda addaa irratti hojjachaa tureera kan jedhan Deetaan Ministiraa kun, keessattuu namoota seeraan alaa Chaayinaa irraa dhufan naannolee Beenshaagul Gumuz, Kibba Lixa Itoophiyaa fi Oromiyaa naannoo Gujii keessatti socho’aa akka turan ibsaniiru.

Sharafa biyya alaa argamsiisu irratti gahee guddaa kan qabu albuudni warqee naannolee Beenshaangul, Oromiyaa, Kibba Lixa Itoophiyaa fi Gaambeellaatti bal’inaan waan argamuuf gareen hordoffii kun naannowwan albuuda warqee irratti xiyyeeffatee hojjechaa akka jiru ibsaniiru.

Gama bu’aa argameen hammi warqee gara Baankii Biyyaalessaa seenu Beenshaangul Gumuz, Kibba Lixa Itoophiyaa fi Gaambeellaa irraa daballii kan agarsiise yoo ta’u, naannoo Oromiyaa, Gujiitti hojiin dabalataa ni eegama jedhan.

Dameen albuudaa waggoota 10 dhufaniif xiyyeeffannoo argate keessaa tokko waan ta’eef riifoormii imaammataa fi hojiiwwan adda addaa damicha gabbisuuf hojjetamaa akka jiran ibsaniiru. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button