ODUUSIYAASA

Oduu: Mootummaan Sudaan ergamni siyaasaa UN biyyattiitti qabu atattamaan akka addaan citu gaafate 

Finfinnee, Sadaasa 17/2023 – Mootummaan Sudaan xalayaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti erge fi Addis Standardiin ilaalame irratti, ergama siyaasaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii biyyattitti qabu, ykn Ergama Gargaarsa Ce’umsa Sudaan (UNITAMS) akka addaan kutu gaafateera. Ministirri Dhimma Alaa Sudaan Alii Saadiq erga ergamni siyaasaa akka dhaabbatuu fi mootummaan biyyattii Mana Maree Nageenyaa waliin hojjechuuf kutannoo qabaachuu ibsu kana Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniif dhiyeessaniiru. 

Ergama Gargaarsa Ce’umsa Sudaan (UNITAMS), ergama isaa Sudaan keessatti bara 2020 kan eegale fi lammiilee nagaa 400 ol kan of keessaa qabu yoo ta’u, jalqaba warraaqsa Muddee 2018 gaggeeffameen booda mootummaa ce’umsaa Sudaan gargaaruuf kan hundeeffamedha. Haata’u malee, akka xalayaa barreessaa olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutereezitti ergame mul’isutti, ergamni kaayyoo isaa galmaan gahuu keessatti raawwiin isaa quubsaa akka hin taaneetti ibsameera. 

Ebla 15 waraanni biyyattii keessatti dho’uu isaa hordofee waldhabdeen mootummaa Sudaan fi UN gidduutti hammaate. Sudaanitti Ergamaan addaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kan turan Volkar Pertees mootummaan Sudaan akka isaan hin simanne ykn fudhatama akka hin qabne erga irratti labsee baatii sadi booda baatii aangoo isaanii gadhiisaniiru. Pirezdaantiin Sudaan Abdal Fattaah Al-Burhaan, nama kana walitti bu’iinsa Sudaan keessaa hammeesseera jechuun himataniiru.

Sudaan waldhabdee waraana biyyattii fi humnoota deeggarsa atattamaa jedhaman gidduu uumameen ji’ootaaf raafamaa jiru. Qormaata amma deemaa jiru kana ilaalchisee mootummaan Sudaan Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii ergama siyaasaa biyyattii keessatti qabu akkka addaan kutu gaafateera. AS

Related Articles

Back to top button