SIYAASAXIINXALA
Trending

Xiinxala: Rakkoo nageenyaa aanaalee Oromiyaa gara daangaa Amaaraatti dhiyaatan keessa mudachaa jiru badiisa ulfaataa qaqqabsiisaa jira. Furmaanni maali?

Finfinnee, Onkoloolessa 25/2023 – Naannoo Oromiyaa keessatti rakkoon nageenyaa uummata hedduu lubbuu dhabsiisaa fi qe’eefi qabeenya isaarraa buqqisaa jiraachuu erga jalqabe waggoota muraasa lakkoofsiseera. Keessattuu waraanni yeroorraa gara yerootti hammeenyi isaa dabalaa badiisa guddaa qaqqabiisaa jiru waraana humnoota mootummaa fi hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan mootummaan “Shanee” jedhe waamu gidduu adeemsifamuuti.

Lola Waraana Bilisummaa Oromoo fi humnoota mootummaa gidduu adeemsifamu kutaalee Oromiyaa baay’ee keessatti badii qaqqabiisaa jiruus kan gama lixa Oromiyaarra jiru ni hammaata. 

Mootummaan yeroo garagaraatti duula “Shanee dhabamsiisu” jedhu eegaluun kutaalee Oromiyaa garagaraa keessatti keessumattuu godinaalee Wallaggaa afran, Shawaa Lixaa fi Shawaa Bahaatti raawwate rakkoo nageenya ture hammeessu ala furmaata argamsiise hin jiru.

Inumaayyuu sochiin hidhattootni saba Amaaraa “Faannoo” jedhanii of waaman naannoo Oromiyaa keessatti taasisan rakkoo nageenyaa naannicha keessa jiru irratti rakkoo dabalataa lubbuu lammiilee nagaa hedduu galaafachaa jiru erga ta’e bubbuleera.

Kutaalee Oromiyaa naannoo Amaaraa waliin wal daangeessu irratti, keessattuu Godinaalee Horroo Guduruu Wallaggaa [Aanaalee kan akka Abee Dongoroo,Jaartee Jaardagaa fi Amuruu], Wallagga Bahaa [Aanaalee Giddaa Ayyaanaa, Kiiramuu, Guttiin], Shawaa Kaabaa [Aanaa Darraa], Shawaa Bahaa [Aanaa Fantaallee] keessatti rakkoon kun hammaatee mul’ata. 

Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa dhimma “sochii finxaaleeyyii” ilaalchisee ibsa Ebla 11, 2022 kenneen, finxaaleeyyiin Amaaraa karaa adda addaan miidhaa geessisaa jiraachuu ibse. 

“Finxaaleeyyiin kun Kiiramuu irratti rakkoo uumaniiru, uummata buqqisaniiru, Horroo Guduruu irratti rakkoo uumaniiru, qabeenya saamaniiru. Bifuma walfakkaataan kan Fantaalleetti uumamees kanuma” kan jedhan hogganaan Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Haayiluu Addunyaa, gochoota diigumsaa finxaaleeyyiin hojjetanii fi ajandaa isaan bocan fashaleessuuf mootummaa naannoo Oromiyaa fi Amaaraa qindoominaan hojjechaa jiraachu ibsanii turan.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Ibsi kun erga laatame waggaa tokko ol darbuus ammallee rakkoon nageenyaa jiru osoo hin furamiin lubbuu namoota nagaa dabarsaa jira. 

Waldhabdee hawaasa wal daangeessan lamaan gidduu uumamu fi haleellaa hidhattootni al idilee kunneen uummata irratti gaggeesisan erga baatilee muraasa dura tarsiimoo mootummaan qaamolee nageenyaa naannolee caasaa “humna addaa” jedhuun hundeeffamanii turan gara caasaa poolisii idilee fi humna nageenyaa federaalaatti jijjiiruuf baase naannoo Amaaraa keessatti mormii isa mudachuu hordofee lola humnoota nageenyaa mootummaa federaalaa fi humnoota addaa naannichaa didanii caasaa hidhattoota al idilee Faannoo jedhamu jala hiriiran gidduu adeemsifamaa jiruun dabaleera. 

Waraanni naannoo Amaaraa keessa adeemsifamaa jiru mataa isaatin lubbuu lammiilee hedduu fi qabeenya guddaa barbadeessaa jira. Kun kanaan osoo jiru hidhattootni Faannoo jedhaman darbe darbe gara aanaalee Oromiyaa garagaraatti ce’uun haleellaa tasaa raawwachaa jiraachuu jiraattotni himu. 

Baatii Fulbaana darbe keessa godina Wallagga Bahaa aanaa Giddaa Ayyaanaa bakka Diinchoo jedhamutti hidhattootni “Faannoo” haleellaa imaltoota irratti raawwataniin lubbuun namoota nagaa hedduu darbuu Addis Standard jiraattota, maddeen hospitaala fi kominikeeshiniin aanaa Giddaa Ayyaanaa wabeeffachuun gabaasuun isaa ni yaadatama. Maddeen hospitaala Addis Standard dubbise lakkoofsi namoota du’an 5 ta’uu himuus, miidiyaa hawaasaa garagaraa irratti miseensota maatii tokko dabalatee lubbuun namoota 30 ol darbuu himameera.

Aanaalee godina Horroo Guduruu tibbana Onkoloolessa 02 irraa eegalee guyyoota sadiif haleellaa walfakkaataa keessummeessan keessaa tokko Abee Dongorooti. Jiraataa Aanaa Abee Dongoroo kan ta’ee haleellaa gareen hidhattoota Faannoo jedhamu kun dhiyeenya kana aanichatti raawwate dheessuun yeroo ammaa kana magaalaa Shaambuutti argamu Fantaa Abdataa rakkoon kun qophii yeroo dheeraa kan itti godhame ta’uu fi deeggarsa caasaalee mootummaa naannoo Amaaraa fi Oromiyaa kan qabu ta’uu hima. 

“Isaan [Faannoo] Wallaggaa dhuunfachuu qabna jedhanii qophii kan eegalan amma miti. Miidiyaa mootummaarra dabalatee miidiyaalee hedduu irratti yaada isaanii ibsachaa turan,” jechuun yaadachiisa. 

Waraana Naannoo Tigraay keessatti waggoota lamaaf gaggeeffameen walqabatee hidhattootni Amaaraa Faannoo jedhaman humnoota mootummaa federaalaa waliin hiriiruun humnoota Tigraay waliin wal waraanaa turuu isaanii mootummaa federaalaa irraa hidhannoo fi deeggarsa akka argatan taasisuu kan eeru Fantaan, “haalichi gareen kun fedhii siyaasaa Oromiyaa irraa qabu galmaan ga’uuf akka fayyadamu taasise,” jedha. 

“Aanaalee fi gandoota baay’ee keessatti bakka akka kaampiitti fayyaman hundeessaniiru. Kana mootummaan beeka garuu dafee furmaata laachuu dhabee amma rakkoon hammaatee qe’ee keenyarraa buqqaane.”

Haleellaa gareen kun dhiyeenya kana Onkoloolessa 02 irraa eegale guyyoota sadiif aanicha keessatti raawwateen obboleessa haadha warraasaa dabalatee lubbuun namoota 9 darbuu kan himu Fantaan, namni baay’ee qe’eerraa dheessuu dubbate.

“Isaan duraanuu iddoo Tulluu Gaanaa jedhamutti baay’inaan argamu ture. Haleellaan jalqaba ganama sa’aatii 12:00 irratti ganda Loomiceetti eegalame. Boodarra gara gabdoota aanichaa baay’ee keessatti babal’ate. Kan danda’u gara bosonaa fi iddoo biraatti baqate, kan dadhabe achuma dhume,” jedhe. 

Kana hunda keessatti humni nageenyaa mootummaa aanichatti ramadame “lakkoofsaan xiqqoo waan ta’eef ofirraa ittisuu malee tasgabbeessu dadhabuu” hima. 

Haalli turee amma tasgabbaa’ee uummatni muraasni gara qe’eetti deebi’aa jiraatuus sodaa akka qabu hime. “Duraanis akkanuma ta’a, haleellaan raawwatamee yeroo muraasaaf ni tasgabba’a. Xiqqoo turee humni RIB yeroo ba’u deebi’e mudata. Ammas sodaa sana qabna.”

Raayyaan Ittisa Biyyaa ibsa tibbana laateen “gareewwan finxaaleeyyii” seeraan ala gurmaa’uun godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abee Dongorootti uummata walitti buusaa fi buqqaasaa jiran irratti tarkaanfii fudhachuu beeksiseera. 

Raayyaa Ittisa Biyyaa naannichatti socho’uutti ajajaa itti aanaa kan ta’an Meejar Janaraal Nagarii Tolinaa ibsa laataniin, tarkaanfii fudhatameen gareen kun “sadarkaa yaaddoo hin taanee irratti gaheera,” jedhan. Meejar Janaraal Nagariin Aanaa Abee Dongorootti argamuun hawaasa qe’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’an kan daawwatan yoo ta’u, haala gara qe’ee isaanitti deebisuu danda’amu irratti hojjetamaa jiraachuu himaniiru. 

Isaan kana haa jedhan malee jiraattotni madda yaada siyaasaa haleellaa kana duuba jiru osoo hin furamiin yaaddoon uummataa firama jedhanii akka hin yaadne himu. 

Siyaasa babal’ifannaa daangaa 

Aanga’aan Aanaa Abee Dongoroo maqaan isaa akka hin eeramu gaafate tokko yaada Addis Standarditti laateen “rakkoo nageenyaa xiyyeeffannoo miidiyaa isaaf malu hin arganne” kana duuba “yaada siyaasaa babal’ifannaa daangaa” jiraachuu hima. 

“Ani akkan hubadheetti falmii walqixxummaan jiraachuu osoo hin taane yaada babal’ifannaa daangaati. Waggaa lama ol ta’eera. Haala kanaan uummata fi anga’oota mootummaa hedduu itti dhabne. Ammas itti dhabaa jirra.”

Haalli Godina Shawaa Bahaa Aanaa Fantaalleetti uumamaa ture kanaaf akka fakkeenyaatti ka’u danda’a. Baatii Bitootessa, 2022 Aanaa Fantaaleetti walitti bu’insa humnoota hidhatan naannoo Amaaraa aanaa Minjaar Shankooraa irraa dhufanii fi milishoota naannoo Oromiyaa gidduutti uumameen Komaandar Abdiisaa Ifaa dabalatee milishootni hedduun du’uu fi kuun ammoo madaa’uu Addis Standard gabaasuun isaa ni yaadatama.

Kana malees, haleellaa hidhattoonni Faannoo naannoo ollaa kan taatee Amaaraa irraa karaa daangaatiin Godina Shawaa Bahaa Aanaa Fantaallee keessatti Hagayya 08, 2023 raawwataniin namoota lama irratti miidhaan qaqqabuu BBCn bulchaa aanichaa fi jiraataa wabeeffachuun gabaaseera.

Hidhattoonni kunneen naannoo Amaaraa aanaa Minjaar Shankooraa irraa kan dhufan ta’uu kan dubbatan jiraataan aanichaa BBCn dubbise tokko, qaamoleen kunneen irra deddeebiin aanicharratti haleellaa raawwataa kan turan ta’uu himu. “Humna isaaniitu yeroodhaan dabalaa deema malee taateen kun waan yeroo dhiyootii as qofa ta’e miti. Warra qaataa hidhatee, uffatas of danda’aa akkuma waraanaatti qabu, kan meeshaa hidhannoo guutuu qabudha,” jedhan.

Baatii tokko dura, Fulbaana 17 Aanaa Fantaallee ganda Xuxxuuxii bakka Qorkee jedhamutti haleellaa humnoota finxaaleyyii faannootiin baname hordofee lubbuun namootaa darbuu VOAn gabaase ture. Haleellaan kun bakka Qorkee jedhamutti hidhattootni naannoo Amaaraa irraa daangaa ce’anii magaalaa Awraa Godaanaa jechuun hundeessan keessatti raawwatame. 

Bulchaan Godina Shawaa Bahaa Obbo Abbaabbuu Waaqoo, humnootni finxaaleyyii faannoo ofiin jedhan Aanaa Fantaallee Ganda Xuxxuuxiitti haleellaa jiraattotaa fi humnoota mootummaa irratti banuu hordofee hojiin seera kabajchiisuu gaggeeffamuu himan. Haaluma kanaanis humnootni nageenyaa naannoo Oromiyaa barjaa ykn taappeellaa kanaan dura seeraan ala “Mootummaa Naannoo Amaaraatti Aanaa Minjaar Shankooraa” jedhu buqqisanii taappeellaa haaraa “Godina Shawaa Bahaa Aanaa Fantaallee Ganda Xuxxuuxii Zoonii Maarigaa/Qorkee” jedhu dhaabuu miidiyaa hawaasaa irratti mul’ateera.

Bitaa: Barjaa kanaan dura humnoota naannoo Amaaraan dhaabame. Mirga: Barjaa tibbana humnoota nageenyaa Oromiyaan dhaabame

Haata’u malee, jiraattootni ammallee sodaa nageenyaa jiraachuu himu. Jiraataa ganda Xuxxuuxii rakkoo nageenyaa gandichaa dheessuun maatii isaa waliin magaalaa Fantaallee keessa jiraachaa jiru tokko yaada Addis Standarditti laateen yaaddoon jiraachu hime. “Ammallee humna walitti sassaabbataa akka jiran dhagahaa jirra. Sababa kanaaf gara qe’ee keenyatti deebi’uu sodaannee as ta’aa jirra. Mootummaan furmaata waaraa nuuf haa barbaadu,” jedhe.

Haalli waldhabdee hidhattoota Faannoo fi uummata Oromoo gidduu jiru kun godina Shawaa Kaabaa Aanaa Darraattis waggootaaf miidhaa geessisaa jira. 

Hojjetaa mootummaa fi jiraataa Aanaa Darraa magaalaa Gundoo Masqal ta’an Obbo Mallasaa Asraat haleellaa keessattuu waggoota lamaan darban keessa yeroo garagaraatti Aanicha keessa raawwatamuun jiraattotni qe’ee isaanirraa buqqa’uuf dirqamuu himan. Gandoota baadiyyaa aanichatti argaman baay’ee keessatti barnoonni akka hin eegalamne fi bu’uuraalee fayyaa barbadaa’uu ibsaniiru. 

“Uummatni jiraachuu dadhabeera. Uummatni fedhii siyaasaa garee tokkoon jiruun isaa jeeqamaa jira,” jedhan.

Aanaan Darraa yeroo dheeraaf gaaffii abbummaa irratti ka’aa tureera. Caaseffama daangaa seeraan ragga’ee hojiirra jiruun bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa godina Shawaa Kaabaa keessa kan argamtu ta’uus gama naannoo Amaaraa irraas gaaffiin abbummaa irra ka’uu erga eegale waggoota lakkoofsiseera. 

“Oromoo fi Amaaraa qofa osoo hin taane kanneen biroos wajjiin jiraanna. Homtuu rakkoo nutti ta’ee hin beeku ture. Erga yeroo dhiyoo asii siyaasni biyyattii jijjiiramuu eegale booda garuu wanti hundu ulfaataa ta’eera,” kan jedhu Obbo Mallasaan, aanichatti hidhattootni Faannoo fi WBO sochii taasisan jireenya isaanii jeeqaa jiraachu himan.

Sochii hidhattootni al idilee kunneen aanicha keessa taasisaniin manneen barnoota baay’ee keessatti hanga ammaatti barnoonni akka hin eegalamne fi bu’uuraalee misoomsaa kanneen akka buufataalee fayyaa hedduu manca’uu hime. 

Gama biraatiin, Addis Standard mirkaneessuu baatuus, aanicha keessatti torbeewwan sadan darban keessatti lammiilee nagaa 200 ol hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo ykn kan mootummaan Shanee jedhe waamuun ajjeefamuu miidiyaaleen biyya keessaa garagaraa gabaasaniiru. Jiraattota ukkaamfamanii miiliyoona 1 ol itti gaafatamaa jiraachuus gabaasaaleen kun ni addeessu.

Furmaata waaraa barbaadu

Aanga’aan Aanaa Abee Dongoroo Addis Standard dubbise akka jedhutti, rakkoon nageenyaa irra deddeebiin jireenya uummataa jeeqaa jiru kun bu’uura irraa hiikamu akka qabu kaasuun furmaatni ta’u qabu tarkaanfii seera kabachiisuu ta’u akka qabu hima. “Haleellaawwan kunneen duuba kan jiru fedhii siyaasaa quufa hin beekne waan ta’eef furmaatni jiru ejjennoo cimaan tarkaanfii fudhachuun daangaa naannolee Heera Mootummaa irratti ifatti barreeffame jiru kabachiisuuti. Jijjiiruun yoo barbaachisa ta’ees marii uummataan qofa ta’u kan danda’u ta’u jala sararanii beeksisuun dirqama,” jedhe. 

Jiraataa Aanaa Darraa kan ta’an Obbo Mallasaa Asraat fi jiraataan Aanaa Fantaallees yaada kanaan waliigalu. Obbo Mallasaan, “itti gaafatamummaan guddaa kan jiru mootummaa irratti. Mootummaan nageenya lammiilee eegsisu qaba. Kanaaf tarkaanfii fudhatees ta’e marii hawaasaa eegalchiisee rakkoo kana furuu qaba,” jedhan. AS

Related Articles

Back to top button