ODUUSIYAASA

Oduu: Qaamoleen Sudaan keessa walwaraanaa jiran waliigaltee dhukaasa dhaabuu mallatteessuuf waliigalan

Finfinnee, Muddee 11/2023 – Dura taa’aan Mana Maree Abbaa Biyyummaa Sudaan Abdal Fattaah Al-Burhaan fi hogganaan Humnoota Deeggarsa Saffisaa (RSF) Mohaammad Hamdaan Dagloo waliigaltee dhukaasa dhaabuu mallatteessuuf waliigalan. Tarkaanfiin kun kan mul’ate qopheessummaa Pireezdaantii Jibuutii Ismaa’el Omar Geeleetin Yaa’ii Addaa 41ffaa IGAD #Jibuutiitti gaggeesse irrattidha.

Barreessaa Olaanaa IGAD Warqinah Gabayyoo gamoonni lamaan waraana Sudaan hatattamaan dhaabuu fi diinummaan akka dhaabbatu irratti waliigaluuf waadaa galuu isaaniitti gammaduu ibsuun, hawwii ummata Sudaan dhugoomsuuf tarkaanfii murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Al-Burhaan, Dagloo waliin wal arguuf akka waliigalu amansiisuuf yaa’ii kana irratti tattaaffiin cimaa kan taasifamaa ture yoo ta’u, marii kana irratti jechoota ciccimoo walitti darbachuu of keessa kan qabu ta’uus ibsameera. Dabalataanis, hoggantoonni IGAD muudama ergama addaa garee marii Sudaan keessatti adeemsifamaa jiru kana gidduu seenuun haala mijeessan raggaasisaniiru.

Murteen kun nageenya Sudaan mirkaneessuuf tarkaanfii guddaa kan agarsiisu yoo ta’u, ergamaan addaa filatame kun tattaaffii haala mijeessummaa IGAD’n adeemsa nagaa Sudaan IGAD jalatti hoggansa fudhachuuf kan qophaa’edha.

Wal-waraansa Humnoota Waraana Sudaan Janaraal Abdul Fattaah al-Burhaaniin durfamanii fi Humnoota Deeggarsa Saffisaa Janaraal Hamdaan Dagaaloo gidduu gaggeeffamaa jiru baatii saddeet dura Ebla 15, 2023 kan eegale yoo ta’u, hanga ammaatti lubbuu namoota gara 10,000 ta’an galaafateera. Sababa waraana kanaan lammiilee miiliyoona 4.8 ta’an biyya keessa kan buqqa’an yoo ta’u, namootni miiliyoona 1.3 ta’an biyyattii gadhiisanii godaananiiru. AS

Related Articles

Back to top button