DHIMMA HAWAASAAODUU
Trending

Oduu: Warshaan Sukkaaraa Arjoo Dhidheessaa rakkoo nageenyaan hojii dhaabuuf ta’uu hordofee hojjettoota 1,800 ol rakkoof saaxilamuu himame

Geetahun Laggasaatin @Birmaduu2

Finfinnee, Sadaasa 07/2023 – Godina Wallagga Bahaa Aanaa Jimmaa Arjoo ganda Abootee Dhidheessaa keessatti kan argamu warshaan sukkaaraa Arjoo Dhidheessaa sababa rakkoo nageenyaa fi kanneen biroon walqabatee hojii dhaabuuf jiraachuu hojjettoonni warshichaa Addis Standarditti himan. Hojjettootni Addis Standardiif yaada isaanii kennan murtee bulchiisichaa dabarse “sababa gahaa hin taaneen” ta’uu himaniiru.

Warshaa kana keessa walumaagalatti hojjattoonni lakkoofsaan 1,800 ol qacaramanii kan hojjatan ta’uu ibsuun cufamuun warshaa kanaa rakkoo hawaas-dinagdee hawaasa naannichaa kan hammeessuu ta’uu hojjattoonni warshichaa Addis Standard dubbise ibsaniiru. 

Hojjataan warshichaa eenyummaan isaa akka hin ifoomne gaafate tokko akka jedhetti, warshaan kun cufamaa kan jiru “sababa gahaa hin taane”, rakkoo nageenyaa fi jirma shonkooraa oomisha sukkaaraatiif barbaachisu hin jiru jedhuun ta’uu himeera. Haata’u malee, yeroo ammaa kanatti haalli nageenyaa naannichaa fooyyee kan qabuufi “sodaa nageenyaa kan hin jirre” ta’uu ibsuun warshaan kuni kan cufamu rakkoo murtee bulchiinsi warshichaa qofaasaatti dabarseenii jedhe. 

“Yeroo ammaa kana naannicha keessa nageenya fooyya’aatu jira. Akkuma yeroo biraa jirma shonkooraa oomishuun ni danda’ama,” jechuun rakkoon jiru garuu rakkoo hojiimaata itti gaafatamummaa hin qabne irraa madduu ta’uu ibsaniiru.

Kanaan walqabatee warshaa guddaa kan jireenyi hojjattoota warshichaa mindaa argatan irratti hundaa’ee kan miidhu waan ta’eef qaamni mootummaa qorannoo walaba ta’ee gaggeessuun rakkoo jiruuf furmaataa waaraa akka kennu gaafateera.

Hojjataan warshichaa kan biraa dabalee akka ibsetti, hojjattoota warshichaa keessaa namoota 24 ta’an gara warshaa sukkaaraa Oomoo Kurraaz tokkoffaa, hojjettoota kan biroo 14 ammoo gara Oomoo Kurraaz lammaffaatti dabarfamuu hojjataan kun himeera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Waggaa darbe keessa walwaraansi humnoota mootummaa fi hidhattoota gidduutti gaggeeffamuu eeruun, yeroo ammaa kana garuu “rakkoo akkasii hin jiru” jedheera. 

Jiraataan kun waggaa darbe yeroo walfakkaataa keessa humnoota mootummaafi humnoota hidhatanii socho’an gidduutti wal waraansi turuufi konkolaattonni warshichaa tokko tokko gubachuu yaadachiiseera. Haa ta’u malee, haalli yeroo ammaa  naannicha keessa jiru fooyya’aa ta’uu himeera.

Baatii Hagayya 2022 keessa hidhattootni Waraana Bilisummaa Oromoo (kan mootummaan Shanee jedhu) warshaa sukkaaraa Arjoo Dhidheessaa yeroof to’atanii akka turan ni yaadatama. Dubbi himaan WBO Odaa Tarbii barreeffama yeroo fuula Twiitara isaarratti maxxanseen, “humnoonni WBO kaampii waraana sirnichaa mooraa Warshaa Sukkaaraa Arjoo Didheessaa keessa jiru to’ataniiru. Loltonni sirnichaa naannoo kana irraa guutummaatti duubatti deebi’anii gara kibbaatti dheessaniiru,” jedhe ture.

Warshichi oomisha sukkaara kuntaala kuma dhiibbootaan lakkaa’amuu omishuun gabaa sukkaaraatif dhiyeessaa jiraachuu kan eeru hojjetaan warshichaa kun, cufamuun warshichaa jireenya hojjettoota irratti qofa osoo hin taane gabaa warsha sukkaaraa irrattis dhiibbaa kallattii kan uumuu ta’uu himeera. 

“Bulchiinsi warshichaa malaammatummaafi saamicha raawwatame dhoksuudhaaf rakkoo nageenyaa sababeeffachuun warshicha cufsiisuuf murteessan,” jechuun kan himatu hojjetaan kun, qaamni seeraa walabummaan qoratee namoota yakka irratti hirmaatan seeratti dhiyaachuu qabu jedheera.

Dhimma kana ilaalchisee bulchiinsa warshichaa qunnamuuf yaaliin Addis Standard taasise hin milkoofne.

Rakkoo nageenyaa sababa walitti bu’iinsa humnoota mootummaa fi hidhattoota gidduutti mudatuun walqabatee godinoota Wallagaa garaagaraa keessatti rakkoo nageenyaa mudatuun walqabatee mootumaan hojiilee misoomaa hojjachuuf rakkachuu MM Abiy Ahmad (PhD) baatii Ebla keessa dubbachuun ni yaadatama.

Ministira Muummee Abiy, Pireezidaantii Oromiyaa Shimallis Abdiisaa waliin ta’uun Ebla 19, 2023 uummata magaalaa Naqamtee waliin marii yeroo taasisanitti, sababa rakkoo nageenyaa hammaataatiin mootummaan piroojektiilee misoomaa godinoota Lixa Oromiyaa keessumaa godinaalee afran Wallaggaa keessatti egalaman raawwachiisuu dadhabuu ibsanii turan.

Piroojektiiwwan adda addaa kan akka misooma daandii, elektirikaa, mana barumsaa fi warshaa baajatni qabameefii godinoota afran Wallaggaa keessatti eegalaman sababa rakkoo nageenyaatiin addaan cituu muummichi dubbataniiru. Akkasumas, hoggantoonni paartii badhaadhinaa dhiibbaa ol ta’an godina Wallagga Bahaa keessatti qofa ajjeefamuus eeraniiru. AS

Related Articles

Back to top button