DHIMMA HAWAASAAODUU
Trending

Xiinxala Oduu: Finfinneetti fedhiin barnoota Afaan Oromoo, Gadaa fi Safuu olaanaa ta’aa jira: Barsiisota

Geetahun Laggasaatin @Birmaduu2

Finfinnee, Sadaasa 07/2023 – Magaalaa Finfinnee keessatti barumsi Afaan Oromoo akka hin barsiifamneef qaamolee fedhii siyaasaa addaa qabaniin dhiibbaawwan hedduu godhamaa turu dandamatee kan itti fufe adeemsi baruufi barsiisuu Afaan Oromoo, barattoota kanneen afaan hin dandeenye hawwachaa dhufuu barsiisonni Addis Standard dubbise himan. 

Bulchinsi magaalaa Finfinnee Afaan Oromoo manneen barnootaa magaalichaa keessatti akka afaan lammaffaatti akka kennamuuf murteessuu ni yaadatama.

Kaabineen bulchiinsa magaalaa Finfinnee yaa’ii idilee saddeettaffaa Amajjii 12, 2023 gaggeesseen manneen barnootaa magaalattii jalatti argaman keessatti Afaan Oromoo afaan Amaaraa waliin akka afaan lammaffaatti akka kennamuuf murtee dabarse ture. Kana malees, barattoonni magaalattii keessatti Afaan Oromootiin barnoota isaanii hordofaa jiran afaan Amaaraa akka afaan dabalataattii akka kennamuuf murteesseera.

Qajeelfama bahe hordofuun biiroon barnoota magaalatti barsiisota gosoota barumsaa kanneen barsiisuu danda’an qacareera. Manneen barnootaa Finfinnee keessatti argaman gosa barnootaa haaraa kanneen akka gosa barumsa tokkoottii barsiisaa jiru. 

Haata’u malee, namoota fedhii siyaasaa garagaraa qaban Afaan Oromoo barsiisuun maaliif barbaachise gaaffii jedhu yeroo kaasanis dhagahamu. Imaammata barnoota haaraa kana hojiirra ooluu hordofee qaamoleen garagaraa mormii dhageessisanis turan. Jalqaba bara darbe keessa yaadama Afaan Oromoon afaan hojii bulchiinsa magaala Finfinnee waan hin ta’iniif Afaan Oromoo barsiisuun sirrii miti jedhuun manneen barnoota muraasa keessatti hokkora kaasuuf yaalame akka ture ni yaadatama.

Kun kanaan osoo jiru, Afaan Oromoon manneen barnoota magaalaa Finfinnee hunda keessatti barsiifamuu itti fufeera. Kanumaan walqabatee, haalli baruu fi barsiisuu barumsa Afaan Oromoo, Safuu fi Gadaa magaalaa Finfinneetti maal akka fakkaatu gamaaggamuuf Addis Standard Afaan Oromoo barsiisota gosa barnootaa kanneen Finfinnee keessatti barsiisaa jiran waliin turtii taasiseera. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Mana barumsa Yakkaa Booleetti barsiisaa Afaan Oromoo fi Safuu kan ta’e barsiisaa Irransaa, haalli baruu fi barsiisuu haala gaariidhan deemaa jiraachuu hima. Barattoonni Afaan Oromoo dubbachuu hin dandeenyeyyuu afaanicha barachuuf fedhii guddaa kan qaban ta’uu hima.  

Safuun akka barumsa lammummaa fi amala gaarii jechuun barsiifamaa tureen kan wal fakkaatu yoo ta’u, kaayyoon barumsichaa mirga fi dirqama lammuummaa, akkasumas jaalala biyyaa barsiisuu ta’uu Irransaan himeera. Akkasumas, barnoota kanneen Afaan Oromootiin barsiisuun barattoonni kunneen aadaa fi safuu barachuun cinaatti Afaan Oromoo saffisaan akka baratan taasisa jedheera.  

Barumsi Safuu kun barattootaa kutaa tokkooffaatiif kan kennamu yoo ta’u, sana booda akka barumsa lammummaa fi amala gaarii ta’ee hamma mana barumsa sadarkaa lammaffaatti kan barsiifamu waan ta’eef, isa itti aanuuf bu’uura waan ta’ee tajaajila jedheera.

Haa ta’u malee, barsiisaa Irransaan mana barumsaa inni itti barsiisu keessa rakkoon dhiyeessii kitaabaa jiraachuu hima. Kitaabni Safuu waan hin maxxanfaminiif telefoona ykn mobaayilii irraa dubbisaa barsiisaa jiraachuu hima. 

Kitaabichi maxxanfame barattoota bira gahuu dhabuun haala baruu fi barsiisuu danquu hima.  Barattoonni manatti kitaaba dubbisuu akka shaakalanii fi hojii manaa hojjachuuf rakkachuu himeera. Barumsi kuni haaraa waan ta’eef shaakalaa fi qo’annaa kan barbaadu waan ta’eef ibsi barsiisaan daree keessatti kennu qofti gahaa miti jedheera.

Mana Barumsa Arraabsaa sadarkaa tokkoffaatti barsiiftuu Gadaa kan taate Mulaatee Abdataa rakkoon guddaan hatattamaan furamuu qabu rakkoo hir’ina kitaabaa ta’uu eerti. Mulaateen Gadaa barsiisuu erga eegaltee waggaa lama ta’uu ibsuun hamma yoonaatti kitaaba hin argatin jiraachuu himti. “Kitaabni hin jiru taanaan immoo qajeelfama fi karoora barnootaa baasuunis ulfaataadha,” jetterti.

Fedhii barattoonni barumsichaaf qaban yeroo ibsitutti, “barumsi Gadaa jedhamu kuni baay’ee namatti tola,” yaada jedhu barattoota Afaan Oromoo dubbachuu hin dandeenye irraa argachuu himti.  Gadaan maal akka ta’eefi aadaafi duudhaa isaan walqabatee jiru baruudhaaf fedhii fedhii barattootaa olaanaa ta’uu dabaltee eerteerti. 

Barumsi Gadaa Afaan Oromootiin walitti dhufeenya kan qabuu ta’uu eeruun Afaan Oromoo dhagahuu, dubbisuu fi barreessuun baay’ee barbaachisaa ta’uu himteerti. Haata’u malee, yeroo Gadaa barsiiftutti barattoota Afaan Oromoo hin dhageenye Afaan Amaaraatti hiikaa kan barsiiftu ta’uu Mulaateen himteerti. Barattoonnis wanta isaaniif hin galiin yeroo gaafataniitti Afaan Amaaraa fayyadamtee hubachiisaa jiraachuu addeessiteerti. 

Gadaan barumsa aadaa fi duudha uummata Oromoo kan barsiisu ta’uun walqabatee meehsaaleen deeggarsa barnootaa baay’ee barbaachisoo ta’uu himuun meeshaaleen kunneen garuu manneen barnootaa Finfinnee keessatti kan hin argamne ta’uu addeessiteerti. Kanaafuu, qaamoleen hoggansa biiroo barnootaa rakkoo kana furuuf xiyyeeffannoon akka hojjatan gaafatteerti. 

Barsiiftuu mana barumsa dhuunfaa Innaat jedhamuun beekamutti barsiiftuu Kadiijaan gama isheetiin yeroo jalqaba Afaan Oromoo barsiisuu eegaltutti barattoonni tokko tokko gaaffilee siyaasaa barbaachisummaa Afaan Oromootiin walqabatee gaaffii kaasaa turuu himti. Afaan oromoo Finfinnee keessatti barsiisuun maaliif akka barbaachise gaafachaa turuu himteerti. 

Barattoota kanneen keessaas tokko tokko yeroo isheen barsiisuuf daree seentutti fuula haguuggatanii barcuma irra ciisaa kan turan jiraachuu eerteerti. Haa ta’u malee, erga barumsichi barbaachisaa ta’uu hubatanii booda booda garuu barattoonni kunneen fedhii Afaan oromoo barachuu kan horatan ta’uu himti.

Barattoonni barbaachisummaa Afaan oromoo irratti gaaffii kaasaa turan jiraachuu himteerti. “Finfinnee keessatti Afaan Oromootiin barachuun maaliif barbaachise gaaffii jedhuu kaasaa turaniiru. Haa ta’u malee, yeroo xiqqoo booda gaaffii kana dhaabuun Afaan Oromoo baruuf yaalii taasisuu eegalaniiru,” jetteerti. Hiikaa jechootaa gaafachuuf yeroo boqonnaa isaaniitti dhuunfaadhaan ishee bira dhufanii kan gaafatan jiraachuu addeessiteerti. 

Kadiijaan akkuma Mulaatee hiikaa jechootaa Afaan Amaaraatiin hiiikaa barsiisaa kan turte ta’uu himteerti. Barattoonni kunneen gorsa ajandaa siyaasaa maatiin manatti haasa’uun walqabatee gaaffilee siyaasaa haa kaasan malee fedhiin isaan Afaan Oromoo dubbisuu fi barreessuuf qaban olaanaa ta’uu hubachiifteerti. AS

Related Articles

Back to top button