DALDALAODUU

Oduu: Dhaabbatni teessoo isaa Dubaay taasise ‘AMEA Power’ Itoophiyaa keessatti pirojektii anniisa humna bubbee 300MW ijaaruufi

Finfinnee, Muddee 04/2023 – Mootummaan Itoophiyaa dhaabbata Gamtaa Emireetota Arabaa kan ta’e ‘AMEA Power’ jedhamu waliin naannoo Somaaleetti anniisa elektirikii humna bubbee irraa maddisiisuu dandeessisu walii mallatteessan. 

Pirojektii kana hojjechuuf maallaqa dolaara miiliyoona 600 akka gaafatu Royitars Ministeera Maallaqaa wabeeffachuun gabaaseera.

Akkasumas pirojektichi wayita hojjetamuu fi erga xumurame booda namoota 2000 ol ta’aniif carraa hojii akka uumu gabaasichi addeesseera.

Miidiyaaleen mootummaa gabaasa pirojektii kana ilaalachisee tamsaasaniin pirojektiin kun anniisa humnaa bubbee irraa madduu Baha Afrikaa irraa isa guddaa ta’uu ibsaniiru. Pirojekticha dhugoomsuufis qorannoo waggaa sadii gaggeeffamuu eerameera. AS

Related Articles

Back to top button