SIYAASAXIINXALA
Trending

Xiinxala: Butamuun namoota nagaa maallaqaaf jedhame raawwatamu Oromiyaatti dabalaa dhufuun nageenya hammeessaa jira

Abdii Biyyansaa @ABiyenssa 

Finfinnee, Onkoloolessa 26/2023 – Waggoota shanan darban keessaa naannoon Oromiyaa waldhabdee Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) fi humnoota mootummaa gidduu mudatuun rakkachaa jira. Yeroo waldhabdeen kun jalqabeetti miidhaan  gahee baay’ee guddaa ta’u baatus, waggoota lamaan darban keessatti walitti bu’iinsi haala jabaa ta’een rakkoolee hedduu geesisa jira. Waraanni yeroo dheeraaf ture kun lubbuu namoota hedduu galaafateera, dhiittaa mirga namoomaa geessiseera. Akkasumas namoonni nagaa hedduun qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru.

Keessattuu, tasgabbii dhabuun kun butamuu namoota nagaa akka baayyatu godheera. Namoonni butaman kunneen akka maallaqa kaffalanii bahan godhamu. Lammiileen nagaa butaman ilaalchisee seenaan nama dhiphisu hedduun mul’ateera.

Miidhamtoota keessaa tokko kan ta’e hojii daldalaa irratti bobbahee kan argamu Tolaa Tasfaayee, Caamsaa bara 2023tti konkolaataa fe’umsaa isaatiin konkolaachisaa isaa Abbabaa Margaa jedhamu waliin Finfinnee irraa osoo deebi’aa jiru butame. Tolaan Addis Standarditti akka himetti, “meeshaalee suuqiiwwan koof barbaachisan Finfinnee irra ergan bite booda imala gara Horroo Guduruu Wallaggaa magaalaa Shaambuutti jalqabe. Magaalaa Shaambuu galuuf otoo kiiloo meetira 40 nu hafu qabamne” jedhe. Qaamni hidhate akka tasaa nu qabe jedhe. Itti dabaluun, qaamni hidhate kun nu gadhiisuuf maallaqa qarshii miiliyoona tokkoofi kumaa dhibba sadii nu gaafate jedhe. Akka hiikkamaniif maatiin Tolaa birrii kuma 800, maatiin Abbabaa ammoo birrii kuma 500 gumaachaniiru. Boodarra kaffaltii raawwatame hordofuun namoonni lamaan kun gadhiifamaniiru.

Haaluma walfakkaatuun, ji’a Adoolessa 2023 keessa Taaddalaa Loombaa (sababa nageenyaan maqaan kan jijjiirame) fi waahillan isaa saddeet konkolaataa Laand Kiruuzerii dhaabbata keessa hojjataniin Nuureeraa irraa osoo gara Adaamaatti deemaa jiranii akka butaman. Taaddalaan taatee ture yaadachuun Addis Standarditti akka himetti, “mamoonni nu butan maatii keenya faana wal qunnamanii, birrii miliyoona sadii gaafatan. Garuu maatiin isaanii gaaffii kana guutuu waan hin dandeenyeef mariin dhaabbata isaanii fi garee isaan buute jidduutti itti fufuu hime. 

Taaddalaan akka jedhutti, “marii dhaabbata keenya fi butattoota gidduutti taasifame hordofuun birrii miliyoona tokkoo fi kuma dhibba sadii kaffalameera” jedha. Gareen kun turtii guyyoota torba booda gadhifaman. Yeroo turtii isaanii kanatti miidhaa saalaa, dararaa fi gocha garaa jabinaa irratti raawwatamuu hime. Taaddalaan akka jedhetti miidhaan qaamaa isaanirra gahe fayyuu danda’us, madaan xiin-sammuu garuu akka jiru himateera.

Seenaan biraa kan Obbo Gammachuu Tamasgeen fi haadha manaa isaa Beeteeleem Mitikkuuti (nageenyaa isaanii jecha maqaan isaanii kan jijjiirameedha). Ji’a Waxabajjii bara 2023 keessa abbaa manaa fi haadha manaan kun lamaan godina Kibba Lixaa naannoo Leemman irraa gara magaalaa Hosaa’inaa deemaa jiranii butaman. Akka Gammachuun jedhutti, “namoonni nu butan birrii miliyoona tokko gaafatan, maatiin keenyi immoo qarshii guddaa kana qopheessuu waan hin dandeenyeef liqii nama beekan irraa argatanii nu kaffalanii bahuu dandeenyeera.” Namoonni kun turtii guyyoota 11 keessatti dararaa qaamaa fi sammuu kan isaan irra gahee ta’u ibsuun, fedhiin isaanii yoo hin guutamne qaamni isaanii akka baafamu nu doorsisaa turan jedhu.

Haa ta’u malee, taateewwan kunneen lammiilee nagaa qofa irratti kan daangeffame miti. Ji’a Waxabajjii keessatti bulchaan Aanaa Sadeen Sooddoo, Obbo Baqqalaa Kachaa, aanaa Iluu magaalaa Asgorii keessaa galgala naannoo sa’atii 3tti garee eenyummaan isaa hin beekamneen mana isaanii irraa butamanii turan. Obbo Baqqalaa erga butamanii guyyaa tokko booda hidhattoonni bulchaan kun akka hiikamuuf birrii miiliyoona 10 gaafatanii turan. Bulchaan kun erga butamee guyyoota lama booda hidhattoota eenyummaa isaanii hin beekamneen ajjeefame argame.  

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Lammiileen biyya alaa warshaalee adda addaa biyyattii keessatti hojjetanis rakkoon kun irra gahaa jira. Onkoloolessa 19 bara 2023 godina Shawaa Kaabaatti namoonni qawwee hidhatan, kan jiraattota naannichaan miseensa Waraana Bilisummaa Oromoo ta’uu  danda’uu jedhan, lammiilee Chaayinaa Warshaa Simintoo Istii jedhamu keessa hojjetan lakkoofsi isaanii hin beekamne butaniiru. Butamuun kun yaaliin magaalaa guddoo godinichaa Fichee qabachuuf lola cimaa godhameen booda kan raawwatamedha.

Haaluma walfakkaatuun Muddee 30, 2022 hojjettoonni warshaa simmintoo Daangootee otoobisii dhaabbatichaan osoo deemaa jiranii butamanii turan. Warshaa Simintoo Daangootee naannoo Oromiyaa godina Shawaa Bahaa aanaa Ada’aa Bargaatti kan argamudha. Baatii tokko booda Guraandhala 30, hojjettoota 20 hundaaf, tokko tokko isaaniif qarshii kuma 50 hanga kuma 100 erga kaffalameef booda gadhiifamaniiru.

Hogganaan Biiroo Komunikeeshinii Naannoo Oromiyaa obbo Haayiluu Addunyaa naannichatti gochaan butamuu furiif taasifamu dabalaa dhufuu isaa amanuun, butamuu kana duuba Waraanni Bilisummaa Oromoo kan mootummaa Itoophiyaa “garee shororkeessaa” jedhe waamuu jiraachuu dubbatan. Obbo Haayiluun, mootummaan garee kana irratti tarkaanfii fudhachaa akka jiru VOAtti himaniiru. Faallaa kanaatiin, dubbi himaan garee hidhattoota Waranna Bilisummaa Oromoo kan ta’e Odaa Tarbii akka jedhetti, dadhabbii mootummaa irraa kan ka’e gareewwan saamicharratti bobbaafaman kun akka jabaatan karaa saaqeera jedhe. Itti dabaluun, gocha butamuu kamiyyuu keessatti miseensonni Warannaa Bilisummaa Oromoo hirmaannaa akka hin qabne dubbateera.

Akka qorataan Inistiitiyuutii Riifti Vaalii Galataa Tasfaayee jedhutti, tarkaanfii Waraana Bilisummaa Oromoo fudhatuu fi tarkaanfiiwwan mootummaan federaalaa fudhatuun garee riphee loltoota dhimma maallaqaaf socho’an, kan adda durummaan diinagdee horachuu irratti xiyyeeffatan akka jabaataniif karaa saaqeera jedha.

Galataa Tasfaayeen sababoota gurguddoo rakkoolee nageenyaa fidan jechuun adda keessaa baase keessaa tokko dhabamuu carraa diinagdeedha. Carraa hojii dhabamuun, keessumaayyuu dargaggootaaf kun hojii seeraa malee keessa akka galaan godheera, kan akka nama buutuun mallaqa gaafachuuffa. Kana malees, buutuun darbee darbee qaamoleen mootummaa akka laafaan fi dhiibbaa jalaa akka gaalan gochuuf kan hojjatamuu dha jedha.

Galataan dhiibbaa guddaa hawaasaa irraa gahaa jiru dhimma butamuu fi kaffaltii mallaqaan walqabatee yeroo ibsu, “Taateewwan akkanaa kun hariiroo hawaasummaa namoota jidduu jiruu balaa guddaaf Saaxila” jechuun yaada isaa Addis Standardiif kenneera. Rakkooleen akkasii kun miidhaa isaanii geesisan namoota rakkoon kun irraa gahee duwwaa otto hin taane maatii rakkoon kun irraa gahee fi hawaasa bal’aa irrattis miidhaa guddaa fida jedha. Miidhaa qaamaa fi sammuutiin alatti, miidhaamtoon bara jireenya isaanii guutuu sodaa bara baraa wajjin walʼaansoo keessa galuu danda’uu jedha. Gaaffii furii guutuuf jechaa maatiin qabeenya isaanii gara gurguruu ykn liqaa liqeeffachutti deemuu, kunis rakkoo mallaqaan wal qabatuu hedduuf isaan Saaxila. Furii erga kaffalamee boodas nageenyi namoota miidhaman kun mirkanaa’aa miti jedha.

Yaaddoo nageenyaa hammaataa dhufe kana furuuf, Obbo Galataan rakkoo kana hubachuu fi madda ykn kaka’umsa kana butamuu namoota nagaa irratti fidee sirnaan hubachuun furuun baayyee barbaachisaa dha jedha. Mootummaa Invastimantii irratti hojjachuu fi carraa hojii uumuu fi leenjii ogummaa irratti taasisuun rakkoolee kana furuu danda’aa jechuun ibsa. Adeemsa kun jalqabbii gaariidha rakkoowwan walqabatanii dhufan furuuf jedha.

Kana malees, Galataan qindoominni dhaabbilee gidduutti ta’uu akka qabu fi leenjii dandeettii guddisuu qaamota nageenyaa irratti xiyyeeffatee hojjatu barbaachisaa akka ta’e cimsee ibseera. Mootummaan namoota balaa kanaaf saaxilamu danda’aniif eegumsaa gochuu qaba, qaamolee nageenyaa fi hojjettoota nageenya hojiitti bobbaasuus qaba jedha. AS

Related Articles

Back to top button