DHIMMA HAWAASAAODUU
Trending

Oduu: Afrikaa Kibbaatti lammiileen Itoophiyaa lama lammii Itoophiyaa biroo butuun maallaqa gaafatan to’annoo seeraa jala oolan

Finfinnee, Fulbaana 15/2023 – Lammiileen Itoophiyaa lama Afriikaa Kibbaa Aanaa Limpopoo keessatti jiraatan lammii Itoophiyaa ganna 20 butanii maallaqa furii gaafatan to’annoo jala ooluu isaanii miidiyaan IOL jedhamu poolisii aanichaa wabeeffachuun gabaaseera.

Dargaggeessi ganna 20 kun Fulbaana 09, 2023 butamuu poolisiif odeeffannoo qaqqabuu fi battaluma sana qorannoon eegalamuu kan ibsan dubbi himaan poolisii aanichaa Maaleseelaa Ledawaabaa, lammiileen Itoophiyaa lamaan kun dargaggeessa lammii Itoophiyaa butan kana gadhiisuuf qarshii Raandii Afrikaa Kibbaa kuma 80 gaafachuu himan. Lammiileen Itoophiyaa nama kana butan ofii dargaggoota ganna 20 fi 22 ta’uus eerameera.  

Dargaggeessa butame kana gadhiisisuuf duula gaggeeffameen lammiileen Itoophiyaa butaman biroo saddeet kutaa xiqqaa tokko keessatti walitti qabamanii  argamuu gabaasichi addeesseera. Poolisiin waa’ee lammiilee Itoophiyaa kaan odeeffannoo tokkollee kan hin kennine yoo ta’u, karaa seeraan ala gara biyyattii galuu hin oolan jedheera. Namoonni biroo lama kanneen booji’amtoota kana eegaa fi nyaachisaa turanis to’annoo jala ooluu gabaafameera. 

Namoota butaman keessa tokko erga butame ji’a sadii ol waan ta’eef gara hospitaala dhiyeenya argamutti akka geeffame kan eere gabaasichi, namootni kaan garuu erga butaman guyyaa 10 hanga 15 ta’uu ibseera. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button