DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Hojjettoota bulchiinsa magaalichaa qormaata madaallii fudhatan keessaa kanneen 43% ta’an qabxii darbiinsaa galmeessan

Finfinnee, Amajjii 09/2024 – Qormaata madaallii gahumsaafi amala hojjettoota bulchiinsa magaalaa Finfinnee Muddee 30, 2023 kennameen hojjettoota mootummaa qormaaticha fudhatan 15,151 keessaa kanneen 6,517 ta’an (43%) qabxii darbiinsaa galmeessuu isaanii bulchiinsi magaalichaa beeksise.

Hogganaa Biiroo Paablik Sarviisii Magaalaa Finfinnee Xaasaw Gabree (PhD) miidiyaaleef akka ibsanitti, hoggantoota qormaaticha fudhatan 4,213 keessaa kanneen 1,422 ta’an (34%) qabxii darbiinsaa argataniitu.

Hojjettoota idilee kuma 10 fi 257 qormaaticha fudhachuu isaanii fi isaan keessaa 5,095 darbuu isaanii kan eeran Dr. Xaasaw, hojjettootni 681 qormaaticha fudhataniis “seera qormaaticha cabsuu isaaniin qormaanni isaanii fudhatama kan dhabe” ta’uu ibsaniiru. ‘

Dursa hojjettootni bulchiinsa magaalichaa 15,592 ta’an qormaaticha fudhachuun kan galmaa’an ta’uus, hojjettootni 441 ta’n guyyaa qormaatni kennamutti argamu dhabuu isaanis ibsameera. AS

Related Articles

Back to top button