DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Naannoo Gaambeellaatti aanaalee sagal keessatti balaan lolaa mudateen jiraattonni qe’ee isaanii irraa buqqa’an

Finfinnee, Fulbaana 19/2023 – Naannoo Gaambeellaatti magaalaa Gaambeellaa dabalatee aanaalee sagal keessatti sababa balaa lolaatin jiraattonni qe’ee isaanii irraa buqqa’uu fi qabeenya isaanii irratti miidhaan ulfaataa gahuu ibsameera.

Bakka bu’aan pireezdaantii naannichaa fi itti gaafatamaa waajjira nageenyaa naannichaa kan ta’an Umod Umod akka jedhanitti, sababa rooba cimaa lafa olka’aa naannichaa keessatti roobeen, aanaaleen shan godina Nuweer keessa jiran hundi lolaan guutamuu irra kan ka’een qabeenyi miidhameera jedhan.

Obbo Umod akka jedhanitti, ummanni naannichaa irra caalaan laggeen hordofee sababa qubatuuf, laggeen Baaroo, Alweroo, Giloonaa fi Akooboo bishaaniin guutamuun isaanii jiraattota naannoo sana jiraatan akka buqqa’an godheera jedhan.

Jiraattonni magaalaa Gaambeellaa gandoota 01, 02, 04 fi 05 jiraatan sababa bishaan lolaatin walqabatee kan miidhaman yoo ta’an, beeyiladoota fi qabeenyi isaanii biroo guutummaatti lolaa bishaaniin fudhatamuun dirree irratti akka kufan himan.

Lagni Baaroo ammallee saffisa olaanaadhaan ol dabalaa akka jiru fi miidhaan dabalataa gahu akka danda’u jiraattonni himu. Akkasumas, mootummaan isaan ilaalee furmaata yeroo fi dhaabbataa akka isaaniif barbaadu gaafataniiru.

Guutummaan laga kanaa dabaluu fi miidhaa hamaa geessisuu akka danda’u kan ibsan Obbo Umod, ummanni kana irratti dammaqee of eeggannoo barbaachisu akka godhu dhaamaniiru.  Obbo Umod itti dabaluudhaan, dhaabbileen mootummaas ta’e miti-mootummaa, ummata lolaa kanaan buqqa’ee akka deeggaran waamicha dhiyeessaniiru.

Bakka bu’aan Kantiibaa Magaalaa Gaambeellaa fi Itti Gaafatamaan Waajjira Fayyaa naannicha kan ta’an Simoon Tiyaach miidhaan qaqqabe bal’aa ta’uu ibsuun jiraattota miidhaan irra gahe adda baasuuf hojiin hojjetamaa akka ture himaniiru.  Itti dabaluunis, mootummaan naannicha namoota miidhaman bakka tokkotti geessuun yookaan qubachiisuuf deeggarsa adda addaa taasisuuf hojjechaa jiraachuu isaanii ibsaniiru. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button