ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Gooroo Doolaatti barattootni kuma 52 ol barnoota ala ta’uufi hojjettootni mootummaa miindaa osoo hin argatiin turuu himame

Finfinnee, Fulbaana 26/2023 – Mootummaan Naannoo Oromiyaa Guraandhala 27, 2023 aanaalee 10 godinaalee Baalee, Gujii fi Booranaa irraa kutuun godina 21ffaa Booranaa Bahaa ijaaruu beeksisuu isaa hordofee, aanaalee Gujii irraa bahanii godina haaraa kana keessa seenan keessa tokko kan ta’e Gooroo Doolaa keessatti barattoonni kuma 52 ol ta’an barnoota ala ta’uu fi miindaan hojjettoota mootummaa aanichaa ji’oota sadii oliif harkifachuu maatiin barattootafi hojjeettootni mootummaa Addis Standard dubbise himan.

Aanicha keessatti barattoota 52,000 ol akka argaman kan hime barsiisaan mana barumsaa qophaa’inaa keessa barsiisu tokko, bara 2016 seenee bakkeewwan kaanitti galmeen barattoota gaggeeffamaa jiraachuu fi barnoonni eegaluus, aanicha keessa hanga ammaatti galmeen barattoota kan hin adeemsifamne ta’uu himeera.

Barsiisaan kun itti dabaluudhaan, “hojjettoonni mootummaa aanichaa yeroo miindaa nu kaffalaa jedhanii bulchiisa godinicha yeroo gaafatan, deemaa hojjadhaa yeroo dhiyoo keessatti isiinii kaffalamaa nuun jedhu malee hanga ammaatti wanti haaraa tokko hin jiru,” jedhe.

Qajeelfama Mootummaa Naannoo Oromiyaa irraa darbeen hojjattoonnii fi aanga’oonni aanaa Gooroo Doolaa caaseffama haaraa godina ‘Boorana Bahaa’ mormuun baqatanii turan Fulbaana 19, 2023 irraa eegalee gita hojiisaaniitti deebi’uu Addis Standard jiraattota fi hojjattoota bulchiinsa aanichaa wabeeffachuun gabaasuun isaa ni yaadatama.

Maatiin barataa maqaan isaa akka dhahamu hin barbaanne tokko akka Addis Standarditti himetti, hanga ammaatti ijoolleen isaa lama bara barnoota 2016tti osoo hin galmaa’iin hafuu hime. Itti dabaluunis, “Ani hojjataa mootummaa waanan ta’eef, osoo manni barumsaa banameellee miindaan ji’oota sadii waan na hin kaffalamiin jiruuf rakkoon na mudachuu hin oolu,” jedhe. 

Barnoonni eegalamuun dirqama ta’uu kan kaasu maatiin barattoota kun, “yoo manni barumsaa baname, ijoollee kootiif meeshaalee mana barumsaa isaaniif barbaachisu nama irraa liqeeffadheen bitaafi,” jedhe.

Rakkoo hawaasummaa aanicha keessa jiru kanaaf qaamni dhimmi kun isa ilaallatu furmaata akka laatu gaafateera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Dhimma kana ilaalchisee waajjiraalee barnoota godina Boorana Bahaa fi Naannoo Oromiyaa qunnamuuf yaaliin Addis Standard taasise hin milkoofne.

Hojjetaan mootummaa kan biraa yaada Addis Standarditti laateen manneen barnoota ala dhaabbilee hawaasaa kanneen akka dhaabbilee fayyaa hawaasaaf tajaajilaa kennaa akka hin jirre hime. Manneen yaalaa aanicha keessa jiran haqina qorichaan tajaajilaa kennaa hin jiran jedhe. Kan irraa kan ka’ee dhukkubsattoonni aanicha keessa jiran rakkachaa jiru jedhe.

Murtoon mootummaa naannoo Oromiyaa “koridoorii misoomaa uumuun carraa misoomaa guddisuu, yaaddoo nageenyaa naannoo sana jiru furuu, malaammaltummaa fi bulchiinsa hamaa Kibba Oromiyaa keessa jiru to’achuuf” jedhee godina haaraa hundeesse kana jiraattota godina Gujii biratti mormii ji’oota jahaa ol ture kaaseera.

Jiraattonni godina Gujii fi qondaaltonni godinichaa adeemsa gurmaa’insa haaraa keessatti uummata mariisisuu dhabuu fi murteen kenname gubbaa gadi ta’uun isaa madda rakkooti jechuun gurmaa’insa haaraa kana mormaniiru.  

Mormii ji’ootaaf gaggeeffamaa tureen namoonni nagaa ajjeefamanii, qondaaltota mootummaa dabalatee namootni baay’een mana hidhaatti darbatamuun haala mirga namoomaa naannoo sanatti daraanuu hamaa turetti dabalata ta’e jira. Cufamuun daandii, ugguraa sochii geejjibaa, gabaa fi daldalaa diinagdee biyya keessaa haalaan miidhuu isaa irraa kan ka’ee jiraattota rakkoo hamaaf saaxile jira.

Gurmaa’insa haaraa kana irratti jiraattota godina Baalee irraa mormiin dhaga’amuus, mormiin cimaan jiraatoota godina Gujii irraa kan dhufedha. Sababni isaas magaalaan guddittii bulchiinsa godina Gujii jala turte “Nageelleen” gara godina haaraa ijaarame jalatti waan galfamtee fi bulchiinsi godina Gujii teessoo isaa gara Adoolaa Reeddee akka jijjiiramu godhamu isaatini.

Yuunivarsiitii Finfinneetti Piroofeesara Saayinsii Siyaasaa fi Hariiroo Idil-addunyaa kan ta’an akkasumas hogganaa Kongireesii Federaalawaa Oromoo (KFO) Piroofesar Mararaa Guddinaa dhimma kana ilaalchisee yaada tibbana Addis Standarditti laataniin, murtee mootummaan naannoo Oromiyaa godina haaraa irra deebiin gurmeessuuf murteesse kaayyoo siyaasaaf malee dhimma bulchiinsa miti jedhan.

“Waraanni Bilisummaa Oromoo Kibba Oromiyaa keessatti bal’inaan kan socho’u naannoo Booranaa fi Gujiitti waan ta’eef kan irratti hundaa’ee paartiin biyya bulchu waldhabdee obboloota Gujii fi Booranaa gidduutti godhuun sochii isaa laaffisuu barbaada,” jechuun ibsan. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button