ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Tarkaanfiin humnaa furmaata fidu hin jiru, marii humnoota siyaasaa hunda hirmaachise gaggeessuun dirqama: Paartilee Mormitoota

Finfinnee, Hagayya 23/2023 – Kongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO), Adda Bilisummaa Oromoo(ABO), Adda Bilisummaa Biyyoolessa Ogaaden (ABBO) Paartii Ummata Affaar( PUA), fi Hibir Itoophiyaa dabalatee paartilee mormitootaa gurguddoo 11 of keessatti kan hammate Kokasii Paartilee Mormitootaa (Caucus of Opposition Parties) ibsa Hagayya 21 baaseen walitti bu’iinsa fi tasgabbii dhabuu biyyattii keessa hammaachaa dhufe furuuf marii humnoota siyaasaa hunda hirmaachise murteessaa ta’uu ibseera. Labsii Yeroo Ariifachiisaas ta’e tarkaanfiin humnaa furmaata hin fidanii jedhe. 

Yeroo ammaa walitti bu’iinsi, tasgabbii dhabuu fi gaaffii bulchiinsa gaarii naannolee biyyattii hunda keessatti abdii kutannaa ummataa waliin rakkoo dabalataa ta’eera kan jedhu ibsi kun, akkasumas hariiroon mootummaa fi ummata naannoo hunda keessa jiru gaaffii ta’u bira darbee gara amantaa guutuu dhabuutti ce’eera jechuun ni danda’ama jedhe. Kana malees, walitti dhufeenyi, tumsi fi wal amantaan mootummaa federaalaa fi mootummoota naannolee, akkasumas mootummoota naannolee ofii isaanii gidduu jiru gaaffii keessa galeera jedhe.

Haalli biyyattii naannolee hunda keessatti mul’atu haalaan yaaddeessaa ta’uu fi erga yeroo dhiyoo asi haalli rakkoo nageenyaa naannoo Amaaraa fi Oromiyaa keessa jiru xiyyeeffannoo idil addunyaa argachuu kan kaase ibsi paartilee mormitoota kunneen, “biyyi keenya balaa kana caaluuf, uummatni keenyas dararrii fi rakkoo kan caaluuf akka hin saaxilamneef furmaata ariifachiisaa fudhachuun dirqama,” jedhe.

Paartileen siyaasaa mormitoota kunneen ibsa isaaniin “waldhabdeewwanii fi rakkoolee kanaan dura turaniin walqabatee mootummaan yeroo gara garaatti Labsii Yeroo Ariifachiisaa labsuun tarkaanfii humnaan furmaata fiduuf yaalii taasisuuus, rakkoo nageenyaa biyyattii keessa ture daran dabaluu malee furmaata hin fidne kan jechuun, waraanni Tigraay kan dhaabbate fi tasgabbiin fooyya’aa ta’e kan bu’e labsii yeroo ariifachiisaa fi tarkaanfii humnaatin osoo hin taane mariidhaanii jedhan.

Mariin mootummaa Itoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti adeemsifamuu eegalamee addaan cituun abdii uummata biratti horee ture duukkaneesseera kan jedhan paartilee kunneen, tarkaanfii humnaa mootummaan fudhachaa jiru balaaleeffatan ta’uu ibsaniiru. 

Haaluma kanaan paartileen mormitoota kunneen ibsa baasaniin mariin qaamolee hunda (kanneen hidhatan dabalatee) hirmaachise atattamaan akka eegalamu, dhimmi naannoo Tigraay akkaataa waliigaltee mallattaa’een akka raawwatamu, mariin mootummaa Itoophiyaa fi WBO gidduu taasifamu bifa iftoomina qabu fi hirmaachisaa ta’ee deebi’ee akka eegalu, akkasumas waldhabdeen mootummaa naannoo Amaaraa fi ‘humna uummata Amaaraa’ gidduu uumame akka dhaabbatu fi mariin akka furamu gaafataniiru. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button