ODUUSIYAASA

Somaaliyaa: Itoophiyaan waliigaltee Somaaliiland waliin goote addaan kuttu malee Somaaliyaan marii kan eeggalle ta’uu miniseerri dhimma alaa ibse

Finfinnee, Amajjii 18, 2024 – Waamicha manni marii nagaafi tsagabbii Gamtaa Afrikaa Itoophiyaafi somaaliyaan “miirasaanii too’achuun, waldhabdee qabbanessuun, marii hiika-qabeessa akka taasisan” waamicha gochuu hordofee, ibsa ministeerri dhimma laa Somaaliyaa ganama har’aa baaseen, “Itoophiyaan waliigaltee seeraan alaa Itoophiyaa Somaaliiland waliin goote addaan kuttu malee marii hin jiru” jedheera.

Manni marii nagaafi tasgabbii Gamtaa Afrikaa waldhabdeen Itoophiyaafi Somaaliyaa giduutti uumame akka qabbanaa’uu waamicha taasisuutti dabalataan Gaanfa Afrikaatti ergamaa Gamtaa Afrikaa Oluseeguun Obaasaanjoon biyyoota lamaan gidduutti marii mijeessuuf akka bobbaafamuu komishinara olaanaa Gamtaa Afrikaa Mussaa Muhaammat Faaqii gaafateera.

Akkasumas, Itoophiyaan “birmadummaafi tokkuummaadaangaa Somaaliyaa” akka kabajju Somaaliyaan ibsa kanaan gaafateerrti.

Gaggeessitoonni biyyoota miseensa IGAD dhimma waldhabdee Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduutiifi waraanaa Sudaan irratti mari’achuu Ugaandaa, Kaampalaatti walitti qabamaniiru.

Itoophiyaan sagantaa biraatiin walirra bu’uu eeruun marii IGAD kanarratti kan hin hirmaanne ta’uu ibsiteerti. Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammud garuu walgahicharratti hirmaachaa jira. AS

Related Articles

Back to top button