DALDALADHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Saa’udii Arabiyaan gatii qacarrii hojjattoota Filippiins, Sriilaankaa, Baanglaadeesh, Yugaandaa, Keeniyaafi Itoophiyaa hir’ifte

Finfinnee, Amajjii 18, 2024 – Sa’uudii Arabiyaan gatii qacarrii hojjettoota biyya keessaa kan Filippiins, Siriilaankaa, Baanglaadeesh, Yugaandaa, Keeniyaa fi Itoophiyaa irraa dhufanii hir’isuu beeksifte.

Odeeffannoon ministeerri humna namaa biyyattii baase wabeeffachuun Gulf News gabaasetti, gatii qacarrii biyyoota Filiippiins (SR15,900 – 14,700), Sriilaankaa (SR15,000 -13,800), Baanglaadeesh (SR13,000 – SR11,750), Keeniyaa (SR10,870 – SR9,00), Yugaandaa (SR9,500 – SR8,300) fi Itoophiyaa (SR6,900- SR5,900) ta’uu ifoomseera. Gatiin qacarrii hojjattoota Itoophiyaa kanneen biyyyoota birootiin wal bira qabnee yoo ilaallu gadiaanaadha.

Murtee kuni gatii qacarrii too’achuufi gatii qacarrii madaalawaa akkka jiraatuu taasisuu yaadamee kan darbeedha. Akkasumas, dhaabbileen eeyyama qacarrii qaban gatii olaanaa ittiin qacaran akka ifoomsaniif akka dabarsuun eerameera.

Gatiin qacarrii guddaan hojjattoota Seeraaliyoon fi Burundii SR7,500 yoo ta’u kan Taaylaand sr10,000 akka ta’u kanaan dura murtaa’uu ibsameera.

Murteen kuni kan dabarfame fedhii ministeerichi tajaajila hundaa foyyeessuuf qabu, gabaa hojjattootaa foyyeessuufi rakkoo jiruuf furmaata barbaaduuf qabu irraa kan ka’eedah jedhame.

Miniseerichi hojiira oolmaa gatiii kaa’ame kana karaa marsarii ‘Musaned’ jedhamuun kan too’atu ta’uu addeesseera. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button