ODUUSIYAASA

Oduu: Waliigalteen abbaa biyyummaa Somaaliyaa ilaallatu kamuu “eeyyama biyyattii irratti kan hundaa’e” ta’uu qaba: IGAD 

Finfinnee, Amajjii 19/2024 – Dhimma waldhibdee tibbana Itoophiyaa fi Somaliyaa gidduu uumame fi waraana Sudaan irratti kaleessa Ugaandaatti walga’ii addaa kan gaggeessan biyyoonni miseensa Dhaaba Biyyoota Gaanfa Afrikaa (IGAD), waldhibdeen biyyoota lamaan gidduu mudate kan isaan yaaddeessu ta’uu ibsuun abbaa biyyummmaan Somaaliyaa akka kabajamu hubachiisaniiru.

Walga’ii ariifachiisaa kaleessa gaggeeffame ilaalchisee ibsa kan baase IGAD, waliigalteen abbaa biyyummaa Somaaliyaa ilaallatu kamuu “eeyyama biyyattii irratti kan hundaa’e ta’uu akka qabu” ibseera. Biyyoonni lamaan [Itoophiyaa fi Somaaliyaa] ergaawwan walitti bu’iinsa kakaasan irraa akka of qusatan kan gaafate IGAD, dhimmoota garaagarummaa giddu isaanii dhiphisan irratti akka xiyyeeffatan hubachiiseera. 

Dhimmi ijoo walga’ii addaa IGAD 42ffaa irratti mari’atame kan biraa haala yeroo Sudaan yoo ta’u, qaamoleen walwaraanaa jiran walitti bu’iinsa dhaabanii gara mariitti akka deebi’an gaafateera.

Walga’iin addaa IGAD tibbanaa hoggantoonni Itoophiyaa fi Sudaan dursanii akka irratti hin argamne ibsuun irraa hafan kana irratti hoggantoonni Ugaandaa, Jibuutii, Somaaliyaa, Keeniyaa, akkasumas Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa Ameerikaa Maayik Hamarii fi Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa Gamtaa Awurooppaa Aneetii Weebar hirmaataniiru. AS 

Related Articles

Back to top button