DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Paarkiin Gaarreen Baalee UNESCOtti galmaa’uu hordofee namootni 20,000 ol paarkicha keessa jiraatan akka bahan taasifamuufi 

Finfinnee, Onkoloolessa 31/2023 – Paarkiin Gaarreen Biyyoolessaa Baalee galmee UNESCOtti akka galmaa’uuf waggoota kudha shanii oliif yaalii taasifame booda Fulbaana 18, 2023 carraaqqiin taasifame milkaa’ee Koreen Hambaalee Addunyaa paarkichi galmee Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Galmee Dhaabbata Saayinsii, Barnootaafi Aadaa (UNESCO) irratti hambaa addunyaa ta’ee akka galmaa’u murteesseera.

Kana hordofee paarkichi akka hambaa addunyaa tokkotti dhiibbaan tokkollee osoo irra hin gahiin kunuunfame akka eegamuuf jiraatoonni paarkii kana keessa jiraatan gara kuma digdamaa ol ta’an paarkicha keessaa kaafamanii gara iddoo biraatti dabarfamuuf akka ta’an miidiyaan ‘Mongabay’ jedhamu gabaaseera. 

Hoggantoonni paarkichaa fi mootummaan naannichaa ulaagaalee UNESCO hambaalee addunyaaf kaa’ee guutuuf iddoowwan seena qabeessa ta’an balaa isaa irra gahu danda’u irraa eeguuf jecha jiraattota 20,000 ta’an paarkicha keessaa baasuuf murteessuu ibsameera. 

Haata’u malee, jiraattonni paarkicha keessa jiraatan ammallee murtoo kana ifatti hin beeksisfamne. Akkasumas, qondaaltonni mootummaa dhimma tarsiimoo jiraattota gara iddoo biraa jijjiiruu kana irratti hanga ammaatti hawaasa paarkicha keessa jiraatu hin mariisifne.

Akka gabaasni kun ibsutti, qubsumni namoota seeraan alaa rakkoolee paarkichaan mudatan keessaa gahee guddaa qaba. Yeroo paarkichi bara 1970moota keessatti hundeeffametti namoonni paarkicha keessa jiraatan baay’ee xiqqoo akka turan kan eere gabaasichi, namoonni paarkicha keessa jiraatan harki caalaan isaanii kan dhiyeenya kana qubatan ta’uus ibseera.

Kanneen keessaa namoonni lafa margaa horii isaanif barbaacha qubatan akka jiranii fi adeemsaan qotisa ammayyaa hordofuun namoonni qubatan heddumachaa dhufan jedhameera. Yeroo ammaa kana paarkicha keessa manneen maatii gara 3,000 ta’anii fi isaan keessaas giddu galeessaan maatii tokko keessaa namoonni saddeet jiraatu.

Akka gabaasni ‘Mongabay’ ibsutti, jiraatoonni paarkii kana keessa jiraatan tarsiimoo kana irratti miira walmakaa kan qaban yoo ta’u,  jiraattonni yeroo dheeraaf jiraatan irra caalaan isaanii jireenyi isaanii lafa sanatti maxxanee waan jiruuf sodaa keessa galanii jiru. Kaan ammoo beenyaan haqa qabeessa yoo nu kenname ni baana jedhu. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button