ODUUSIYAASA

Oduu: Ajajaan Humna Saffisaa Sudaan Finfinnee galan; Mariin Jibuutiitti gaggeesuun karoorfame gara yeroo biraatti darbeera

Finfinnee, Muddee 28/2023 – Ajajaan Humna Saffisaa Sudaan (RSF) Jeneraal Mohaammad Hamdaan Daagaaloo “Heemeetii” har’a ganama magaalaa Finfinnee galaniiru. Jeneraalichi wayita buufata xiyyaaraa idil addunyaa Boolee ga’an Itti Aanaa Ministira Muummee fi Ministira Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin simatamaniiru.

Oduu walqabatuun, mariin haala mijeessummaa IGADiin Ajajaa Olaanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Sudaan Abdal Fattaah al-Burhaaniifi Ajajaa Humna Saffisaa Sudaan Jeneraal Mohaammad Hamdaan Daagaaloo gidduu har’a Muddee 28 Jibuutiitti gaggeessuuf karoorfame gara yeroo biraatti dabarfamuu IGAD beeksiseera. 

Mariin Al-Burhaan fi Heemeetii gidduu gaggeeffamu Muddee 28 Jibuutii keessatti akka ta’u miidiyaaleen gabaasaa kan turan ta’uus, hirmaannaa Jeneraal Hamdaan Dagaaloo mirkaneessuun akka hin danda’amne himameera.  

Ministeerri Dhimma Alaa Sudaan ibsa baaseen walga’iin Kamisa gaggeeffamuuf karoorfame turuus, ajajaan garee Humna Saffisaa Sudaan walga’ichaaf Jibuutii akka hin geenye Ministeera Dhimma Alaa Jibuutii irraa itti himamuu beeksiseera.

Dura Taa’aan Mana Maree Abbaa Biyyummaa Jeneraal Abdal Fattaah a-Burhaan Roobii galgala gara Jibuutii deemuuf qophaa’uu isaanii kan hime mootummaan Sudaan, haa ta’u malee, sababa mariichi gara yeroo biraatti darbeef hafuu ibseera. 

Mariin gara yeroo biraatti dabarfame kun, dhimma waliigaltee waraana dhaabuu irratti xiyyeeffatee baatii Amajjii dhufu keessa Jibuutiitti akka gaggeeffamu eerameera. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button