DALDALADHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii wixinee labsii maallaqaafi gibiraa 9 raggaasise

Finfinnee Sadaasa 23, 2023 – Dhaabbata Mootumoota Gamtoomaniitti Koreen dhimma faayinaansiifi dinagdee kan Koree Lammataa (Second Committee) jedhamuun beekamu wixinee labsii sagal kan fooyya’iinsa gibiraa, liqii, jijjiirama qilleensaafi hiyyummaa dhabamsiisuuf oolu raggaasise.

Korichi wixinee labsii kana kan raggaasise gumii idilee 78ffaa Sadaasa 22, 2023 xumure irrratti ta’uu dhaabbatichi ibsa har’a baaseen beeksiseera. Wixinnen labsii kuni gibira, liqiifi faaynansii idil addunyaa keessumaa biyyoota guddachaa fooyyeessuu irratti xiyyeefata jedhame.

Wixineen labsii saglan raggaasifaman kunnneen tumsa gibira idiladdunyaa fedhiifi gahumsa biyyoota addunyaa keessumaa kan biyyoota guddachaa jiranii xiyyeeffannoo keessa kan galche ta’uu ibsameera.

Wixineen labsii kunneen tumsi gibira idiladdunyaa hunda hammmataa akka ta’uu yaadamee kan qophaa’e ta’uu eerameera.Wixinichi sagalee deeggarsa 125, mormiii 48 fi biyyoota sagalee hin kenniin 9 (Armeeniyaa, Koostaarikaa, El Saalvaadoor, Ayslaand, Tuurkii, Imireetota Walta’anii Arabaa) tiin raggasifameera.

Wixineen labsii kuni Ajandaa Gamtaa Afrikaa 2030fi 2063 waliin kan wal simatu ta’uu eerameera.Wixineen labsii kuni kan raggaasifame gaaffii wixinichi akka sirreeffamu Yuunaaytid Kiingdam kaaftee ture harkka caalmaan erga kuffisee booda ta’uun ibsameera.

Biyyoonni raaggaasifamuu wixinichaa morman maaliif akka morman yaada isaanii ibsaniiru.

Itoophiyaan miseensa Dhaabbata Daldala Addunyaa (World Trade Organization) ta’uuf iyyannoo erga galchitee waggoota kudha shan lakkoofsiftee jirti. Haa ta’u malee, sababoota ulaagaalee kaa’aman hin guunne jedhuun hanga yoonaatti miseensummaa goonfachuu hin dandeenye.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Itoophiyaan sababa waraana mmootummaafi finciltoota waliin taasifamuu hordofuun yakkoonni waraanaa raawwatamaniiru jechuun Ameerikaan carraa daldala gibirarraa bilisaa (AGOA) Itoophiyaan fayyadamaa turte ugguruun ni yaadatama. Haa ta’u malee, waraanichi marii nageenyaatiin goolabamuu hordofee Itoophiyaan carraan AGOA akka banamuuf gaafachaa turuun ni yaadatama. AS

Related Articles

Back to top button