ODUUSIYAASA

Oduu: Guyyoota lamaaf Kaayirootti daawwannaa kan taasisan Pireezidaantiin Somaaliyaa Kuwaataar galan

 Finfinnee, Amajjii 23/2024 – Tibbana Masrii, Kaayirootti daawwannaa taasisuun Pireezdaantii biyyattii Abdul Fattaah Al-Siisii waliin kan mari’atan Pireezdaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad gara Kuwaataar imaluu isaanii ibsame.

Kuwaataaritti daawwannaa hojii taasisaa kan jiran pireezdaantichi, aanga’oota Kuwaataar waliin dhimma hariiroo biyyoota lameenii, akkasumas dhimma waliigaltee Itoophiyaa fi Somalilaand gidduu mallatteeffame irratti akka mari’atan eerameera.

Kana malees, Pireezdaant Hasan Sheek Mohaammad aanga’oota Kuwaataar waliin dhimmoota siyaasa Gaanfa Afrikaa irrattis ni mari’atu jedhame eegama.

Dhuma torbee darbetti Pireezidaantii Somaaliyaa masaraa isaanitti simachuun kan mariisisan Pireezidaantiin Masrii Abdul Fattaah Al-Siisiin ibsa kaleessa laataniin waliigaltee Itoophiyaa fi Somaalilaand gidduu mallatteeffame mormuun, mootummaan isaanii Somaaliyaaf deeggarsa guutuu akka taasisu ibsu isaanii gabaasuun keenya ni yaadatama. 

Pireezidaant Al-Siisiin, “ergaan ani Itoophiyaadhaaf qabu, yaaliin lafa Somaaliyaa xiqqollee to’achuuf godhamu fudhatama kan hin qabne ta’uu isaati,” jedhan.

Doorsisa Pirezdaantiin Masrii Abdal Fattaah Al-Siisii irraa dhagahame hordofee Ministeerri Dhimma Alaa fi Walta’iinsa Idil-addunyaa Somaalilaand deebii laateen, “giddu seentummaa qaama alaa kamuu” cimsee kan mormu ta’uu beeksiseera. 

Somaalilaand ibsa isheetin, Masriin “tattaaffii dippilomaasii taasiftu gara waldhabdee olloota ishee Sudaan, Liibiyaa fi Gaazaa keessa jirutti akka deebistu” hubachiisteetti. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button