DALDALAODUU

Oduu: Itoophiyaan bara kana humna elektirikaa giiggaa waatii 3000 ta’u biyyoota ollaaf gurgurtaan dhiyeessuuf karoorfachuu beeksiste

Finfinnee, Onkoloolessa 16/2023 – Itoophiyaan bara 2016 ALI keessatti biyyoota ollaa sadi, jechuun Sudaan, Keeniyaa, fi Jibuutiif humna elektirikaa Giiggaa Waatii gara kuma sadiitti dhiyaatu gurgurtaaf dhiyeessuuf karoorfachuu beeksiste.

Daayirektara Kominikeeshinii Korporeetii Humna Eelektirikaa Itoophiyaa Mogas Mokonniin Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, biyyattiin humna elektirikaa biyyoota ollaaf gurguruuf karoorfatte irraa galii dolaara miiliyoona 182 argachuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Bara baajataa darbe keessa Sudaan, Jibuutii fi Keeniyaaf humna elektirikaa 1,701 GW ergamuus eeraniiru.

Humna ibsaa gara biyyoota alaatti erguun galii sharafa alaa biyyattii guddisuuf waliigalteewwan haaraan taasifamaa akka jiran kan eeran Obbo Mogas, waliigalteewwan kunneen yeroo beellamameef yoo xumuraman bara bajataa kana keessa humna ibsaa dabalataa gara Taanzaaniyaatti akka ergamu ibsaniiru.

Bara baajataa 2016 kana keessatti al-ergii, gurgurtaa biyya keessaa fi tajaajila humna elektirikaa irraa Birrii biiliyoona 30 argachuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu eerameera.

Oduu kanaan walqabatee Keeniyaan humni ibsaa biyyoota ollaa irraa bittu dachaa sadiin dabaluu beeksisteetti. Ragaa mootummaa Keeniyaa irraa argame akka ibsutti, Keeniyaan humna ibsaa biyyoota ollaa irraa bitte keessaa dhibbeentaa 70 Itoophiyaa irraa kan argameeti. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button