DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Manni marii ministeerootaa wixinee labsii beenyaa lafaafi kanneen biroo irratti mari’ate

Finfinnee, Muddee 20, 2023 – Manni maree ministeeroota walga’ii idiilee marsaa 26ffaa guyya har’aa gaggeesseen dhimmoota beenyaa lafaa, badhaasa Meedaay, Niishaaniifi beekkamtii irratti erga mari’atee booda mana marii bakka bu’oota uummataaf akka dhiyaatu sagalee guutuun murteesse.

Manni marichaa akkaataa kafaltii beenyaa lafaafi kaafamtoota misoomaa akkaataa itti dandamachiisuun danda’amu irratti mari’achuun wixinee labsii hojiirra oolaa jiru lakk. 1161/2011 fooyyessuu irratti erga mari’atee booda akka raggaasifamuuf mana marii bakka bu’oota uummataaf akka dhiyaatu sagalee guutuun murteesseera.  Akkaataa dantaan kaafamtoota misoomaa kabachiisuun danda’amu irratti mari’ateera.

Haaluma wal fakkaatuun, manni marichaa wixinee labsii badhaasaafi beekamtii namoota biyyaaf gumaacha olaanaa godhaniif kennamu kan Meedaay, Niishaaniifi beekamtii irratti mari’ateera. Wixineen labsii akkaataa raawwii Meedaay, Niishaaniifi beekamtii mana marichaatiif dhiyaateera.

Kana malees, wixinee labsii guyyaa ayyaanaa, guyyaa boqonnaafi kabaja ayyaanotaa murteessuuf dhiyaate irratti mari’achuun guyyoota kanneeniif beekamtii kennuufi sadarkaa biyyaalessaatti akka kabajamuf labsii qophaa’erratti mari’ataniiru.

Ayyaanonni kunneen akkaataa duudhaa amantii, aadaafi seenaa isaanii eganiin akka kabajamu labsu irratti mari’ataniiru.

Manni marichaa wixinee labsii sadeen irratti mari’ateen booda sagalee guutuun mana marii bakka bu’oota uummataaf akka dhiyaatu sagalee guutuun murteesseera. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button