DALDALAODUU

Oduu: Ministeerri Faayinaansii dhaabbilee caalbaasii warshaa sukkaaraa irratti hirmaatan ifoomsuuuf ta’uu beeksise

Finfinnee, Onkolooleessa 16/2023  – Adeemsa washaalee sukkaaraa mootummaatiin dhuunfatamanii turan gara abbootii qabeenyaa dhuunfaatti gurguruuf taasisaa jiruun walqabatee dhaabbilee caalbaasii irratti hirmaachaa jiranii yeroo dhiyoo keessatti kan ifoomsu ta’uu Ministeerri Faaynaansii Itoophiyaa beeksise. 

Gahumsa teeknikaa qaamolee caalbaasicha irratti hirmaatan qaban qorachuu torban darbe keessa raawwachuu ibsuun qaamoleen qorumsa kana darban dhuma torban kanaa irratti kan ifoomsu ta’uu eereera. Warshaaleen sukkaaraa kunneen caalbaasiif erga dhiyaatanii waggaa lama darbuun ni yaadatama. 

Erga maqaan qaamolee kanneenii ifoomfamee booda tarkaanfiin itti aanu dhiyeessii maallaqaa isaan godhan irratti hundaa’uun madaaluufi adda baasuu ta’uun ibsameera.

Maqaa isaanii ifa hin taasisin male qaamoleeen lakkoofsaan 20 ta’an biyya keessaa fi alaa caalbaasii kana irratti hirmaachuu ji’a lama dura eeree ture. Dhaabbata simiintoo Daangotee, Kokaakollaa, warshaa omisha sukkaaraa Itoophiyaa fi Gareen biizinasii Abisiiniyaa qaamolee hirmaatan keessatti argamu jedhamee tilmaamama.  

Kurraaz tokkoffaa, lamaffaa, sadaffaa fi shanaffaa, Arjoo Dhidheessaaa fi Kasam Tandaahoo warshaalee mootummaan caalbaasiif dhiyeesseedha. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button