DHIMMA HAWAASAAODUUSIYAASA

Oduu: Mootummaan Somaaliyaa ajajaa olaanaa Alshabaab ajjeefame jedhe

Finfinnee, Muddee 22, 2023  – Mootummaan Somaaliyaa ajajaan olaanaa Alshabaab haleellaa xiyyaaraa Ameerikaan gaggeessiteen ajjeefame jedhe.

Ajajaa olaanaa garichaa Maaliim Ayman jedhamu kuni haleellaawwaan Somaaliyaafi biyyota ollaa biroo keessatti gaggeeffaman hedduu qindeessaa tureera jedhame. Ayman haleellaa xiyyaaraa Ameerikaan Somaaliyaa keessatti aggeessiteen jalqaba torban kanaa ajjeefamuu Anadolu’n gabaaseera.

Ministeerrri odeeffannoo Daawud Awayiis odeeffanoo karaa twiitara (X) tamsaaseenti raayyaan ittisa biyyaa gargaarsa humnoota Ameerikaa irraa argateen Muddee 17 Somaaliyaa keessatti gaggeessaa olaanaa kana ajjeesuu barreesseera.

“Ayman haleellaawwan gurguddoo Somaaliyaafi biyyoota ollaa keessatti qindeesseera,” Awayis jedheera.

Qajeechi Ameerikaa haqummaafi baadhaasa kennu nama hogganaa olaanaa kana qabe yookiin eessa akka jiru eere maallaqa miliyoona $10 kan badhaafamu ta’uu jalqaba bara 2023 beeksisee ture.

Ayman haleellaa Amajjii 05, 2020 aanga’oota Ameerikaafi keeniyaa kutaa biyyaa Laamuu iddoo Maandaa Beey jedhamutti gaggeeffame duuba kan jiru ta’uu eerameera.

 Ayman hogganaa tuuta Alshabaab Jaaysh Ayman jedhamuu ta’uu Ameerikaan himteerti.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Ministeerri haajaa alaa Ameerikaa Aymaniin “shororkeessaa idiladdunyaa adda ta’e” jechuun Sadaasa 2020 waamee ture.

Akka ibsa Ameerikaatti haleellaan Alshabaab miseensa raayyaa Ameerikaa tokkoofi hojjattoota qajeelcha raayyaa ittisa Ameerikaa lama Keeniyaa iddoo Maandaa Beey jedhamutti ajjeefamaniiru jedhe.

.Namoota miseensa tajaajila Ameerikaa ta’an biroo lamaafi kontiraaktarri tokko madaa’uu ifoomseera.

Alshabaab haleellaa kana raawwachuu amanee ture. AS

Related Articles

Back to top button