ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Obboleessi ajajaa olaanaa WBO humnoota mootummaan butamuun maatii yaaddesse

Finfinnee, Sadaasa 28/2023 – Humnoonni mootummaa obboleessa Ajajaa Olaanaa Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) Kumsaa Dirribaa ykn Jaal Marroo kan ta’an Obbo Abarraa Dirribaa buutuu ragaa bahaan dhimmichatti dhiyeenya qaban Addis Standard’tti himan.

Ragaa bahaan maatii Obbo Abarraa waliin hariiroo qaban kun Addis Standard’tti akka himanitti, Obbo Abarraa Dirribaa magaala Shaggar kutaa magaala Burraayyuu iddoo addaa Keellaa jedhamutti guyyaa kaleessaa guyyaa keessaa naannoo sa’aatii torbaatti miseensota humna nageenyaatiin “humnaan butamuu” himaniiru.

Maddi keenya yeroo humnoonni mootummaa gochaa kana raawwatan ijaan arguu himan akka jedhanitti, humnoonni kunneen waraqaa eenyummaa obbo Abarraa ilaalanii obboleessa ajajaa olaanaa WBO ta’uu erga adda baasanii booda gaaffii tokko malee rasaasa itti aggaamuun nama fulduratti ajjeesuuf doorsisaa turuu himeera. Haa ta’u malee, dubartiin tokko akka hin ajeefne miila “miseensota nageenyaa” kana irratti kuufte akka hin ajjeefne waan kadhatteef ukkaamsanii fudhatanii deemuu  maddi oduu kuni himeera. 

Yeroo humnoonni kunneen butanitti Abarraan hiriyoota isaa wajjiin taa’ee bakkeetti buna dhugaa kan ture yoo ta’u akkuma waraqaa eenyummaasaa ilaalanii obboleessa ‘Jaal Marroo’ ta’uu adda baafataniin humnoonni mootummaa kunneen miira gammachuutiin kokkolfaa turuu raga bahaan kuni ibseera. Kanaan alatti, sababii butamuu Abarraatiif ibsi humnoonni mootummaan kunneen dhiyeessanis ta’e, eessa akka geessan wanti beekamu kan hin jirre ta’uu dabalee himeera.

Humnoonni mootummaa kanaan duras haadhaa fi abbaa ‘Jaal Marroo’ mana hidhaatti dararaa turuu kan himu maddi oduu maatiitti dhiyeenya qabu kun, maatiin Obbo Abarraan ajjeefamu danda’u yaaddoo jedhu akka qaban himeera.

Obbo Abarraan kanaan dura jalqaba bara 2021 keessa qabamee erga waggaa lamaaf hidhamee booda dhuma bara 2022 keessa gadhiifamuu, sana boodas nageenya isaaf yaadda’uun qe’eefi maatiisaa Godina Horro Guduruu Wallaggaatti argaman dhiisee gara magaala Burraayyuutti galuu hima.

Obbo Abarraan qonnaan bulaafi abbaa ijoollee saddeetii yoo ta’u siyaasa keessatti hirmaannaa tokoyyuu kan hin qabneefi obboleessa isaa wajjiinis hariiroofi waliigaltee kan hin qabne ta’uu raga bahaan kuni himaniiru. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Addis Standard odeeffannoo kana maddeen dabalataa akkasumas qaamolee mootummaa magaalaa Shaggar kutaa bulchiinsa Buraayyuu irraa qulqulleeffachuuf yaaliin goote hin milkoofne.

Mariin nageenyaa marsaa lammaffaa mootummaa Itoophiyaafi WBO gidduutti Taanzaaniyaatti gaggeeffamee ture waliiigaltee malee goolabamuun ni yaadatama. Mariin sun waliigalateen xumuramuu dhabuu hordofee bakkeewwan gara garaatti waraanni qaamolee lamaan jidduutti godhamu hammaachuu isaa gabaasaaleen ni mul’isu. AS

Related Articles

Back to top button