DALDALAODUU

Oduu: Saafaariikoom Itoophiyaan tajaajila faaynaansii dijitaalaatiin maamila mil 1.2 horadhe jedhe

Finfinnee, Sadaasa 09, 2023 – Dhaabbanni Saafaariikoom Itoophiyaa tajaajila faayinaansii dijitaalaa applikeeshinii M-pesa jedhamuun maamila miliyoona 1.2 ta’an horachuu beeksise.

Baankii Biyyaaleessaa irraa eeyyama argachuu hordofuun, dhaabbanni Saafaariikoom Itoophiyaa applikeeshinii tajaajila faaynaansii dijitaalaa M-pesa jedhamu ji’a Hagayyaa keessa tajaajila eegalsiisuun ni yaadatama.

Dhaabbatichi ibsa Sadaasa 09, 2023 baaseen, jijjiirraan maallaqaa Shilingii keeniyaa biliyoona 43.7 (USD288,000,000) ta’u appliikeeshinii kanaan raawwatamuu himeera.

Saafaariikoom Itoophiyaan walumaagalatti magaalota 22 tajaajila eegale keessatti maamila miliyoona 4.2 ol horadheera jedhe.

M-pesan bakka bu’oota 23,000 fi daldaltoota 12,000 tajaajila faaynaansii dijitaalaa fayyadamaa jiraachuu addeesseera. Saafaariikoom Itoophiyaan tajaajila Itoophiyaan keessatti kennuun milkaa’aa ta’uu hojii gaggeessan dhaabbatichaa Piitar Ndigwaa eereera.

Tajaajila misooma bu’uuraa gadiaanaadhaan tajaajilli M-pesa kennaa  jirru abdii guddaa ka namatti horuudha. Keessumaa fedhiin gama daataa mobaayilaa fayyadamuutiin argine nu gammachiiseera. Fedhiin akkanaa kan argine erga Keeniyaatti  tajaajila eegallee waggaa kudhan boodadha,” Piitariitu jedhe.

Haa ta’u malee, akkaataa qacarrii hojjattoota dhaabbatichaatiin walqabatee qaamoleen garaagaraa mormii kaasaa turaniiru. Akkasumas, akkaataa fayyadama Afaan Oromootiin walqabatee naannoo Oromiyaa keessatti mormiin dhaabbaticha mudachuun ni yaadataama.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Saafaariikoom Itoophiyaan dhaabbata telekoomii biyya alaa calbaasii moo’achuun si’a duraatiif mootumaa Itoophiyaa irraa eeyyama hojii kan argateedha. AS

Related Articles

Back to top button