ODUUSIYAASA

Oduu: Somaaliyaa fi Turkiin waliigaltee waraanaa mallatteessan

Finfinnee, Guraandhala 09/2024 – Waliigaltee ulaa galaanaa Itoophiyaa fi Somaalilaand gidduu mallatteeffame hordofee hariiroo Itoophiyaa waliin qabdu kan hammaate Somaaliyaan, Turkii waliin waliigaltee waraanaa mallatteessuu ishee miidiyaan Al-monitor gabaaseera.

Waliigaltee walta’iinsa waraanaa fi dinagdee biyyoonni lamaan mallatteessan kana gama Somaaliyaa irraa Ministira Ittisaa biyyattii Abdulkadir Mohaammad Nuur, akkasumas Turkii bakka bu’uun ammoo Ministirri Ittisaa Turkii Yaasaar Gular mallatteessaniiru. 

Ministirri Ittisaa Turkii Yaasaar Gular haasawaa sagantaa waliigaltee mallatteessuu kana irratti taasisaniin, waliigaltichi shororkeessummaa waloon ittisuu fi deeggarsa maallaqaa gama waraanaan godhamu kan hammateedha,” jedhaniiru. 

“Waliigalteen kun irra caala Somaaliyaa fayyadamoo taasisa jenne yaadna,” kan jedhan Ministirri Ittisaa Turkii, itti dabaluun “Ministiroota Ittisaa biyyoota lamaan walarganii mari’achuun isaanii qofa bu’aa qabeessa isa taasisa, hariiroo waraanaa biyyoota lamaan daran cimsa,” jedhaniiru.

Somaaliyaan michoota keenya Afrikaatti qabnu keessaa ishee ijooti kan jedhan Yaasaar Gular, biyyi isaanii “abba biyyummaa fi tokkummaa daangaa Somaaliyaa akka kabajamuuf” deeggarsa akka taasistu ibsaniiru. AS

Related Articles

Back to top button