DALDALAODUU

Oduu: Wal’aansoon Saafaariikoom Itoophiyaa mudate fedhii abbootii qabeenyaa biyya alaa gadi buuse

Finfinnee Muddee 21, 2023 – Rakkoon Saafaariikoom Itoophiyaa mudate fedhii abbootiin qabeenyaa biyyoota teeleekoomii Itoophiyaarratti maallaqa isaanii baasuuf qaban gadi buusuu ogeeyyoonni beekumsa eeyyama daldalaa qaban ibsan.

Saafaariikoom Itoophiyaan dhaabbata teeleekoominikeeshinii biyya alaa si’a duraatiif Itoophiyaatti eeyyama hojii argateedha. Erga eeyyama argatee jalqabee tajaajila kennaa kan ture yoo ta’u waggoota lamaan darban kan bu’aa bahiidhaan guutama dabarsuu ogeeyyoonni ni himu.   

Erga MM Abiy Ahmad bara 2018 aangoo qabatee eegalee jijjiramni seekara teleekomiitiin gaggeefama dinagdee Itoophiyaa walaboomsuuf kan oolu jedhamee ilaalamaa ture.   

Haa ta’u malee, seera jijjiiruun, rakkoo nageenyaa irra deddebiin mudatuufi dinagdee biyyattii mootummaadhaan dhuunfatamuun fedhii abbootii qabeenyaa biroo Itoophiyaa keessatti hojjachuuf qaban gadi buusuu Reuters gabaaseera.

Caalbaasii Itoophiyaan bara 2020 keessa baafteen, meeshaalee alaa galan gibira maleefi gibira galii biyya keessaa irraa kafalamu yeroodhaaf bilisa kan gootu ta’uu ibsitee ture. Haa ta’u malee, qajeelfamni gibiraan meeshaalee gibirarraa bilisa taasifaman ilaalchise waggaa lama booda baase garuu seektara telekoomii of keessatti hin  hammatu ture.

Saafaariikoom jijjiirama seeraa godhameen walqabatee gaaffii dhiyaateef deebii hin kennine. Akkasumas, xalayaa dhimma rakkoo Saafaariikoom mudateefi deeggarsa kennamuu qabuun walqabatee ministeera faaynaansiifi MM Abiy Ahmadiif barreeffamee ture deebii hin arganne.

Hojigaggeessaan dhaabbata gorsaa teelekoomii Baalaasiing Akt kan ta’e Raazel Saazwuud gaaffii dhiyaateef deebii kenneen mootummaan dorgommii dhugaatiif kutannoo kan qabu hin fakkaatu jedheera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

“Mootummaan Itoophiyaa maal hojjachaa akka jiru sirriitti ifa miti,” jechuun “yeroo tokkootti dinagdee walaboomse fakkaata yeroo biraammoo deebisee too’annoosaaa jala oolcha,” Saawzwuud jedhe.

Ji’a darbe erga dorgomaan haalonni guuutaman jiraachuu akka qabu gaafatee booda, qaamoleen too’annoo gaggeessan caalbaasii abbaa qabeenyaa sadaffaatiiif eeyyama kennuu addaan kutuu himaniiru.

Teelekoomiin Faransaay Oreenj Reuters kan gahee hanga 45% bitachuuf ture akka himetti, caalbaasi addaan kutuu himuun “haalli jiru tooftaa dhaabbatichaatiif mijataa ta’uu dhabuu” himeera.

Saafaariikoom, gamasaatiin, waggooota lamaan darban keessa “gabaan abdii namatti horu” jiraachuu dubbateera.

Ji’a darbe keessa qofa maamiltoota haaraa miliyoona torbaafi maamiltoota si’aawaa ta’an miliyoona 4.1 ji’oota sadeen darban keessa horachuu ibseera. Akkasumas, maamiltoota baankii mobaayilaa M-Pesa fayyadaman miliyoona 1.2 argachuu ibseera.

Saafaariikoom Itoophiyaa kan mootummaa Keeniyaa, Voodaakoomii(VODJ.J) Afrikaa Kibbaa Kibbaa fi Voodafoonii Briitaaniyaa(VOD.L)  kan ta’e rakkooo isa mudate hin ibsine.

Galiin bara 2026tti argatu olka’aa akka ta’uu abdii qaba. Kasaaraa jalqaba irratti mudate dhaabbaticha hubeera jechuun kuni kanuma mudatu ta’uu ogeeyyonni ni himu.

Galiin Iteeleekoomii Itoophiyaa bara darbee dachaadhaan guddate yoo ta’u maamiltoota miliyoona 72 kan qabuudha.

Hojjataan ministeera Faaynaansii Itoophiyaa Iyyoob Takkaaliny (PhD) akka jedhetti, rakkoon Saafaariikoom mudate qaala’iinsa jireeenyaa addunyaafi biyyattii mudateen walqabata jedheera.

Biyyattiin qaala’iinsa jireenya 30% fi sadarkaa liqii biyyoonniifi dhaabanni idiladdunyaa irraa qabu jiru Doolara biliyoona tokko kaffaluu dadhabuun yeroo akka dheereffamuuf gaafatteerti.

Abbootiin qabeenyaa kunneen yeroo rakkisaa kana keessa gara biyyattii seenuun dhiibbaa isaan irratti uumuu Iyyoob dubbateera. AS

Related Articles

Back to top button