DHIMMA HAWAASAAODUUSIYAASA

Oduu: Wallagga Lixaa aanaa Mana Sibuuttii leenjiin milishaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee Muddee 19, 2023 – Godina Wallagga Lixaa Aanaa Mana Sibuutti leenjiin milishoota gaggeeffamaa jiraachuu waajjira milishaa aanichaa wabeeffachuun sab-qunnamtii aanichaa gabaase.

Akka ibsa aanichaatti, milishoonni haaraa leenji’uu erga eegalanii guyyaa afur ta’eera. Haaluma kanaan guyyaa har’aa milishootaa haaraa dhufanii leenji’aa jiraniif leenjii gosa ispoortii dhaabbii bu’uraa irratti kennamaa jiraachuu waajjirichi beeksiseera.

“Leenjichaarrattis milishoonni keenya hamilee guutuudhaan leenjii kana leenji’aa jiru,” ibsichatu jedhu. Leenjiin milishootaaf kennamu kuni guyyaa afraffaaf ittumaa fufee kennamaa jiraachuun himame

Godinonni Wallaggaa kan naannoo Amaaraatiin wal daangessan waan ta’eef haleellaa hidhattoonni Faannoo irra deddeebiin taasisaniin lubbuun namoota hedduu darbuu, jiraattonni qe’eerraa buqqaafamuufi qabeenyi manca’uu Addis Standard gabaaseera.

Milishoonni mootummaa kunneen haleellaa humnoonni kunneen raawwatan qolachuuf kan bobbaafaman ta’uun barameera.

Gama biraatiin, miseensonni milishaa mootummaan bobbaasu kunneen uumata nagaa irratti sarbiinsa mirga namoomaa garaagaraa kan raawwatuu jechuun jiraattonni himaniiru.

Miseensonni milishaa hojii nageenya eegsisuu itti kenname sirnaan raawwachaa jiran akkuma jiranitti ta’ee kanneen haala “gita hojii isaaniitiin faallaa ta’een gochaawwan farra nageenyaatiif sababa ta’aa jiran” muraasa jiraachuu jiraattonni godinaalee Oromiyaa adda addaa Addis Standard dubbise himaniiru. Qaamoleen kunneen naamusa qaamni nageenyaa tokko qabaachuu qabu dhabuu, akkasumas malaammaltummaa fi gochaa seeraan alaa kan raawwatan ta’uu Addis Stadnadrd gabaasee ture. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button