ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Yeroon hojii garee qorannoo UN dhiittaa mirgaa Itoophiyaatti raawwatamu akka qoratu hundeesse osoo hin dheeratiin hafe

Finfinnee, Onkoloolessa 05/2023 – Yeroon qorannoo garee ogeeyyii Komishinii Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dhiittaa mirgaa Itoophiyaa keessatti raawwatame akka qoratuuf hundeesse akka dheeratu dhaabbileen mirga namoomaa idil-addunyaa hedduu irraa irra deddeebiin gaatamaa turuus yeroon qorannoo kanaa osoo hin dheereeffamiin hafuu beekame.  

Biyyoota addunyaa kamirraayyuu yaadni yeroon qorannoo garee kanaa akka dheeratu gaaffiin dhiyaate waan hin jirreef osoo hin dheereeffamiin hafuus ibsameera. 

Hiyumaan Raayitis Waach dabalatee dhaabbileen hedduun irra deddeebiin Gamtaa Awurooppaa wixinee yaada gareen qorannoo kun akka hundeeffamu godhu akka dhiyeessu gaafachuun isaanii ni yaadatama.

Dhaabbata falmaa mirgoota namoomaa Hiyumaan Raayitis Waachitti Daayirektara damee Awurooppaa kan ta’an Filiip Dam Gamtaan Awurooppaa yeroon hojii garee qorataa kana akka dheeratu yaada wixinee dhiyeessu dhabuu isaa qeeqaniiru. “Gamtaan Awurooppaa qajeeltoowwan ijoo gamtichaa faallaa ta’een socho’eera, qorannoo ijoo Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii awwaaluu keessatti gahee adda duree fudhateera,” jedhan. 

Ogeeyyiin dhiitaa mirga namoomaa Itoophiyaa keessatti raawwataman qorachuuf hundaa’an qorannoo waggaa tokkoof gochaa turan ilaalchisee gabaasa baasaniin Itoophiyaa keessatti yakki waraanaa fi yakki namoomaa ammmallee itti fufee akka jiru ibsuun isaanii kan yaadatamuudha. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button