DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Warshaan Sukkaaraa Finca’aa rakkoolee garagaraa isa mudateen hanga ammaatti oomisha akka hin jalqabne hojjettootni himan

Abdii Biyyansaa  @ABiyenssa 

Finfinnee, Sadaasa 09/2023 – Warshaalee Sukkaaraa Boordiin gaggeeffaman shan keessaa tokko kan ta’e Warshaan Sukkaaraa Finca’aa hanga yoonaatti gara hojii oomishtummaatti akka hin galle hojjettootni warshichaa himan.

Hoggantoota warshicha keessa tokko kan ta’e kan maqaa isaa akka dhahamu hin barbaanne Addis Standarditti akka himeetti, sababa warshichi hojii oomisha sukkaaraa dhaabeef meeshaalee warshichaaf barbaachisaa ta’an kan akka Giirbooks, Shaaft, Fiveerazeer, fi Sharawuud jedhaman hojii ala ta’uun akka ta’e ibseera.

Itti dabaluun, sababa rakkoo nageenyaan oyiruu jirma shonkoraa, maashinii qonnaa fi konkolaattota hedduun gubachuu eere. “Konkolaattoota shantamii tokko ta’an gubataniiru. Meeshaalee kun gara maallaqa biliyoona 4tti tilmaamu. Kun ammoo qisaasama guddaa warshicha irratti akka gahu godheera,” jedhe hogganaan kun.

Warshaan Sukkaaraa Finca’aa kun sa’aatii 24 keessatti sukkaaraa kuntaala kuma kudha tokko oomishaa akka ture kan kaasu miseensa hoggansa warshichaa kun, itti dabaluun, rakkoolee warshicha mudatan inni ijoo hanqina dolaara  irraa kan maddan akka ta’e hima. “Meeshaalee hojii alaa ta’an kun hanqina dolaara irraa kan ka’e meeshaa bakka buusuuf barbaachisaa ta’an akka hin bitamne godheera,” jedha.

Akka hojjetaan warshichaa kun jedhutti, warshichaa kanaan dura sa’aatii 24 keessatti sukkaaraa kuntaala 11,000 ol oomishaa ture, yeroo ammaa kanatti sa’aatii 24 keessatti sukkaaraa kuntalaa 3,000 qofa oomishaa jira. Haata’u malee, torbe sadan dhufan keessa warshaalee lama jiran keessaa tokko gara hojiitti akka seenu abdii qabu ibseera.

Hojjataan warshichaa kan biraa gama isaatiin, “warshaa kun yeroo gannaa hojii dhaabee, torbee tokkoof erga ho’ee booda, waqtii bara haaraatti hojii idilee isaatti ni deebi’a ture,” jedhe. Haata’u malee, yeroo ammaa kanatti hojii idilee isaa duraanii irraa hin jiru jedheera.

Itti dabaluun, warshaan sukkaaraa haaraa hojjetame waggaa darbe irraa kaasee hojiirra akka hin jirre dubbateera. Itti dabaluun, “warshaa inni haaraa kun rakkoolee hedduu waan qabuuf yeroo dhihootti hojii waan jalqabu natti hin fakkaatu” jedhe.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

“Yeroo gara yerootti oomishini shonkoraa hojii alaa ta’uu dabalaa dhufuun isaa qisaasama akka ol guddatu godheera,” kan jedhu hojjetaan kun, itti dabaluunis, sababa rakkoo nageenya irraa kan ka’een hojjatoonni warshichaa hedduun hojii isaanii gadhiisanii bahaa jiraachu ibse.

“Hojjattoonni yoo warshichi hojiitti hin deebi’u ta’e rakkoo miindaa walqabatan garagaraa keessa galuu dandeenya,” jedheera.

Warshichi hojjattoota dhaabataa ta’an 2,024 kan qabu yoo ta’u, hojjattoonni dhaabbataa hin taane ammoo gara 5,500 ol qaba. 

Baatii Adoolessa darbe keessa warshaan sukkaara Finca’aa ji’oota lamaaf hojjettoota isaaf miindaa osoo hin kaffaliin darbuu isaarra kan ka’ee hojjattoonni warshichaa sababa harkifannaa miindaan rakkachaa jiraachu Addis Standard hojjettoota wabeeffachuun gabaasuun isaa ni yaadatama. 

Hojjetaan warshichaa tokko yaada yeroos Addis Standarditti kenneen, “sababa nageenyaa fi rakkoo harkifannaa miindaatin, barattoota Yuunivarsiitii keenyaaf maallaqa erguu dadhabne, maallaqa erguu dadhabuu keenyaan ijoollee barnoota isaanii yunivarsiitii fi kolleejjii dhuunfaa kutaa biyyattii adda ta’e keessatti hordofaa jiran rakkoof saaxilamaa jiru,” jiru jedheera. AS

Related Articles

Back to top button