ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: “Mariidhaaf balballi keenya yeroo hundaa banaadha” – WBO

Finfinnee, Sadaasa 25/2023 – “Balballi WBO yeroo hundaa banaadha” jechuun WBOn marii nageenyaaf marsaa itti aanuuf eeyyamaa ta’uufi “kutannoo hin raafamne” kan qabu ta’uu ibseera.

WBOn ibsa kana kan baase waliigaltee malee xumuramuu mariii marsaa lammaffaa hordofuun waraanni motummaaafi WBO gidduutti iddoolee garaagaraatti bifa haaraan gaggefamaa yeroo jiruttiidha.

WBOn ibsa karaa dubbi himaa isaa Odaa Tarbiitiin tamsaaseen, “marii nageenyaatiif  “kutannoo hin raafamneefi jabaa ta’e” kan qabu ta’uu ibsuun, “Balballi WBO mariif yeroo hundaa banaadha,” jedheera.

Mariin nageenyaa marsaa lammaffaa WBOfii mootummaa Itoophiyaa gidduutti geggeeffamaa ture fmilkaa’uu dhabuun ni yaadatama.

Akka duubbi himaan kuni jedheetti, mootummaan “dhimmoota bu’uuraa, madda rakkoo ta’an furuun osoo irraa eegamuu, hoggansa WBOf aangoo isiniif qooda jechuun sossobuuf yaalee ture,” jechuun komateera.

Itti dabaluudhaanis, WBOn wayita marii marsaa lammaffaa gaggeessa turetti mootummaan haleella cimsuu eeruun halleellaan ture suni marichaaf danqaa ta’eera jedhe.

Marichi kan fashalaa’e sababa mootummaan gochaawwan maricha gufachiisan raawwateefi gaaffii hojiirra ooluu hin dandeenye gaafachuun isaatiin” ta’uu ABO-WBOn eereera. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button