DHIMMA HAWAASAAGULAALLI
Trending

Gulaalli: Ajjeechaa fi qabiinsa namummaan ala Sa’uudii Arabiyaan godaantota Itoophiyaa irratti raawwachaa jirtu dhaabbachuu qaba. Mootummaa Itoophiyaa fi addunyaa bal’aan itti dhimmamuu qabu!

Finfinnee, Fulbaana 01/2023 – Gabaasni dhiheenya kana Hiyumaan Raayitis Waach kan ajjeechaa godaantota Itoophiyaa dhibbaan lakkaa’aman eegdota daangaa Sa’udii Arabiyaatiin daangaa Yaman fi Sa’udii irratti raawwatame saaxile fi gabaasawwan qorannoo miidiyaalee amanamoon mirkanaa’e, ragaa kan biraa tuffii Sa’uudiiti Arabiyaan lubbuu dhala namaaf qabdu ajjeechaa gara jabinaa, qaama hir’isuu fi miidhamtoota saaxilamoo ta’an adabbii malee qaama isaanii irraa cicciruudhaan mul’iste ta’eera.

Waggoottan darban keessa ragaaleen amanamoo ta’an jiraatanis, Sa’uudii Arabiyaan daangaa ishee fi manneen hidhaa biyyattii caalaatti kaampii hidhaa ta’uun maqaa gaarii hin qabne keessatti godaantota saaxilamoo ta’an ajjeesuu fi miidhaa namummaa hin qabne irraan geessisuu dabalatee sarbama mirga namoomaa hamaa raawwachaa turte kana cimsitee haalteetti.

Ji’a Onkoloolessa bara darbe ajjeechaa seeraan alaa ilaalchisee xalayaa Gabaasaa Addaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii irraa aanga’oota Sa’uudiitiif ergame akka mul’isutti, Amajjii 01 hanga Ebla 30 gidduutti godaantota 430 daangaa Sa’uudii irratti “sirnaan” ajjeefamuu isaanii UN gabaasa argachuu addeesseera. Baruma kana Sa’uudii Arabiyaan cimsitee mormte. Haaluma walfakkaatuun gabaasawwan ergasii bahan haalteetti.

Biyyattiin yakkoota akka ragaa qabatamaan galmaa’an kanneen akka gabaasa haaraa Hiyumaan Raayitis Waach keessatti “yakka namummaa irratti raawwatame” jedhamee ibsame kana ifatti haaluun ishee bu’aa itti gaafatamummaa dhabuu yoo ta’u, kunis gochi kun itti gaafatamummaa malee akka itti fufu jajjabeessaa jira.

Haala kanaan lammiilee ofii dhibbaan lakkaa’aman ajjeefamaniif mootummaan Itoophiyaa irraa dhimmamuu dhabuu fi waamicha qorannoo walabaa bu’aa buusuu hin dandeenye hawaasni addunyaa irraa dhagahama jiru wal qixa nama rifachiisa.

Mootummaan Itoophiyaa gabaasa HRWn dhiyaateef deebii kennuuf ibsa Hagayya 22 baase dhiibbaa gabaasni kun “hariiroo gaarii yeroo dheeraa” biyyoota lamaan gidduu jiru xureessuuf qabu caalaatti kan isa yaaddessu fakkaata. Inumaayyuu “hanga qorannoon xumuramutti tilmaama hin barbaachifne dhiyeessu irraa of qusatan” gorsutti deemeera. Akkuma jechoota duwwaa baraman kaanitti ibsi kunis “aangawoota Sa’uudii waliin ta’uun taatee kana hatattamaan qorata” jedhu irra deebi’ee dubbateera.

Yoo xiqqaate ibsi cimaa miidhamtootaaf mararfannaa agarsiisu, ajjeechaa balaaleffatu, fi qorannoon walabaa hatattamaa Mootummoota Gamtoomanii fi michoota idil-addunyaa biroo hirmaachise akka gaggeeffamu gaafatu barbaachisa ture.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Mootummaan Itoophiyaa yakkoota kanaaf mootummaa Saawud Arabiyaa akka itti gaafatamu gochu dhabuu isaatiin lammiilee ofiisaatif ta’u dadhabeea. Jalqaba, mootummaan carraa dinagdee uumuu fi nageenya lammiilee isaa mirkaneessuu dadhabuu isaatiin, dargaggoonni dhiiraa fi shamarran kuma dhibbaan lakkaa’aman dhugaa gaddisiisaa abdii kutannaa isaan mudatee biyya isaanii baqachuuf dirqamaniiru. Kan nama gaddisiisu dargaggoonni daangaa irratti eegdota daangaa Sa’uudiin ajjeefaman kun harki caalaan isaanii naannoolee Oromiyaa, Amaaraa fi Tigraay waraanaan, hiyyummaa fi tasgabbii dhabuun walitti dabalamee nama hunda gara qarqaraatti dhiibaa jiru irraa kan dhufanidha.

Falmii mootummaa alagaa humna guddaa qabu irraa haqaa fi itti gaafatamummaa argachuuf godhamuun dura, mootummaan dursa kan kennuu qabu garaagarummaa siyaasaa fi jeequmsa waraanaa kan dargaggoonni jumlaan karaa abdii kutannaatiin akka baqatan gumaachaa jiru furuu ta’uu qaba ture. Qabeenya xiqqaa biyyattiin qabdu maallaqaan waraanaaf oolchuurra jireenya ummata ishee fooyyessuun hojii mootummaa dursa itti kennamuu qabuudha.

MM Abiy Ahmad jalqaba gara muummicha ministeeraatti yeroo ol ba’anitti, bulchiinsi isaanii godaantota Itoophiyaa kumaatamaan lakkaa’aman kanneen haala gaddisiisaan kutaa mana hidhaa Sa’uudii Arabiyaa maqaa gaarii hin qabne keessaa dabalatee biyyoota hedduu keessatti qabamanii turan deebisee fiduun beekamtii bal’aa argateera. Garuu xiyyeeffannaan hariiroo hawaasaa erga duubatti deebi’ee booda, mootummaaf nageenyi lammiilee isaa biyya alaa keessa jiran eegisuun, hariiroo dippilomaasii Sa’uudii Arabiyaa ykn biyyoota biroo waliin qabu wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu gatii xiqqaa qabaachuu isaa mul’ateera. 

Kan nama dhibu, deebiin Waajjira Komishinara Olaanaa Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (OHCHR) gabaasa HRW Hagayya 22 ba’eef kenne kan ibsa mootummaa Itoophiyaa baase irraa fooyyee qabu miti. Kunis hawaasa addunyaa irraa xiyyeeffannoo barbaachisu dhabamuu mul’isa.

Yeroo darbe Sa’uudii Arabiyaan miidhaa hamaa godaantota Itoophiyaa irra geessistu akka dhaabdu irra deddeebiin waamichi dhiyaatu gara gocha hiika qabuutti jijjiiramuu osoo hin danda’iin hanga ammaatti tarkaanfiin hawaasni addunyaa fudhatu waamicha qorannoo walabaa qofa dabarsuu bira hin tarkaanfanne.

Sa’uudii Arabiyaan gocha ishee kanaaf akka itti gaafatamtuuf Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dabalatee hawaasa addunyaa irraa tarkaanfiiwwan hiika qaban fudhachuu dhabuun ammallee biyyattiin godaantota ajjeesuu fi haala namummaa hin qabneen dararuu akka itti fuftu eeyyama kennaa jira. Kunis gatiiwwan kabaja mirga namoomaa addunyaa irratti dhiibbaa hamaa qabaata.

Kanaaf mootummaan Itoophiyaas ta’e hawaasni addunyaa godaantotni hedduun daangaa Sa’uudii irratti akka hin ajjeefamneefi kanneen dhibbaatamaan lakkaawwaman kanaan dura ajjeefamaniif haqa fi itti gaafatamummaa mirkaneessuuf ejjennoo cimaa, ariifachiisaa fi adda ta’e fudhachuun dirqama.

Lubbuun namoota hedduu balaadhaaf saaxilamee jira. Akkasumas warri duraanuu miidhamtoota yakka fokkisaa kanaa ta’an xiyyeeffannoo laachuu dhabuu mootummaa Itoophiyaas ta’e kan addunyaa dandamachuu hin danda’an. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button