DHIMMA HAWAASAAXIINXALA ODUU
Trending

Xiinxala Oduu: Murtee sagantaa barnoota gannaa hambisuuf Ministeerri Barnootaa dabarse barattoota biratti komii kaase

Geetahun Laggasaa @Birmaduu2

Finfinnee, Fulbaana 01/2023 – Ministeerri barnootaa jijjiirama imaammata gurguddaa waggoota dhufan keessatti gaggeeffaman yeroo gabaabaa keessatti hojiirra oolchuu eegaleera. Murteen jijjiiramoota kanneen keessaa muraasni imaammata barnoota haaraa bocuu, qormaata bahiinsaa yuunivarsitii eegaluu, barattoota kutaa 12ffaa yuunivarsitiitti qoruu, yuunivarsitiiwwan bulchiisa mootummaa jalaa bahuun ofiiin akka of bulchan murteessuu fi kan biroo hedduu hojiirra oolchaa jira.

Imaammata ministeerichi baase hordofuun Yuunivarsitiin Finfinnee yuunivarsiitii ofiin of bulchu jalqabaa ta’uu ifoomseera. Kana booda barataa kan fudhatu ramaddiidhaan otoo hin taane dorgomsiisee ta’uu ibseera. Akkasumas, barattoota qarshii kafalanii barataniif balballi banaa ta’uu eereera. 

Kana malees, ji’a tokkoon dura sagantaa barnoota gannaa bara 2015 kan hin gaggeefamne ta’uu dhaabbatichi beeksiseera. Kun barattoonni sagantaa gannaatiin sadarkaa barnoota isaanii fooyyeeffachuuf qophiirra turan biratti muffii uumeera.

Ministeerichi murtee sagantaa gannaa hambisuu kana kan dabarse karoora qulqullina barnootaa mirkaneessuu jedhuun ta’uutu ibsame. Haa ta’u malee, dhimmichi barattoota sagantaa kanaa biratti komii kaaseera.

Murteen kana hordofuun Waldaan Barsiisota Itoophiyaa komii qaban barreeffamaan Ministeera Barnootaa biraan kan gahan ta’uus deebiin kenname kan hin jirre Addis Standard Pireezdaantii waldichaa Obbo Yohaannis Bantii irraa hubateera.  

Barattoonni sagantaa gannaa yuunivarsitiiwwan Itoophiyaa keessatti barachaa turan sababoota akka weerara Koroonaa fi waraana naannoo Tigraayitti gaggeeffamaa tureen barnoota eegalan xumuruu akka hin dandeenye ibsan.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Barnoonni sagantaa gannaa akka biyyaatti hin kennamiin ture yuunivarsiitii Dirree Dhawaa ala yuunivarsitiiwwan garaagaraa sagantaa barnootaa kana bara 2013 ALI irraa eegalee itti fufsiisaniiru. Haa ta’u malee, Yuunivarsiitiin Dirree Dhawaa haala yuunivarsitiiwwan biroo irraa adda ta’een “sababa hin beekamneen” sagantaa barnoota gannaa otoo hin kenniin hafuu barattoonni yuunivarsitichaa ni himu. 

Yuunivarsitii Dirree Dhawaatti sagantaa gannaan barnoota barsiisummaa hordofaa ture Galataa Jabeessaa Addis Standarditti akka himetti, akkaataa yuunivarsitiiwwan biyyattii keessatti argaman birootiin haala adda ta’een sagantaa barnoota gannaa bara 2013 otoo hin kennin hafuu himeera.

Galataan barumsa isaa bara 2009 kan eegale ta’uu fi sababoota garaagaraatiin waggoota torbaaf jalaa dheereeffamuu ibsuun kunimmoo qisaasa’ina dinagdee, yeroo fi humnaa isaan irraan gahuu ibsuun komii qabaachuu ibseera. Rakkina kanaan walqabatee gaaffii bulchiinsa yuunivarsitiichaatiiif dhiyeessaniif deebii homaatuu hin argatin hafuu Galataan dabalee ibseera. 

Haala rakkoo kanarraa dabalataa ta’een barnoonni sagataa gannaa bara 2015 kan hin gaggeeffamne ta’uu ministeerri barnootaa murtee dabarsuun isaa ni yaadatama. Murteen ministeerri barnoota dabarse kuni rakkina kanaan dura waggoota darbaniif ture daran hammeessuu barattoonni kunneen ni himu. 

Barattoonni sagantaa gannaa murtee ministeerri barnootaa dabarseen semisteerri bara 2015 jalaa gubate yeroo, maallaqnii fi humni isaanii qisaasa’uu ibsuun sababni ministeerichi tarkaanfii kana fudhachuun walqabatee dhiyeesse fudhatama kan hin qabnedha jedhu.

Yuunivarsitii Dirree Dhawaatti Itti gaafatamtuu muummee Informeeshiin Teeknoolojii kan taate Immuuyyeen dhimma kana ilaalchisee deebii Addis Standardiif laatteen barnoonni gannaa walitti aansuun waggoota afuriif addaan cituu amananuun sababiin isaa weerara Koronaa, hir’ina meeshaalee barnootaa fi murtee ministeerri barnootaa dabarseen kan walqabatan ta’uu himte. 

Gaaffii barattoonni gannaa kaasan sirrii ta’uu himte. Bara 2013 sababoota hir’ina daree fi meeshaalee barnootaa biroo irraa kan ka’e yuunivarsitichi barattoota gannaa keessummeesssuu kan hin dandeenye ta’uu kan himte Immuyyeen, yuunivarsitichi yeroo ammaa kana barattoota gannaa simachuuf qophii xumuree kan ture ta’uus sababa murtee ministeerri barnootaa dabarseen barattoota simachuu hin danda’iin hafuu himte. Sagantaa gannaa bara kanaa addaan kutuuf sababiin ministeerichi dhiyeesse qulqullina barnootaati.

Yuunivarsitii Dirree Dhawaatti sagantaa gannaan barnoota barsiisummaa hordofaa kan ture Girmaa Tolasaa garuu “sagantaa barumsa gannaa dhaabuun qulqullina barnootaa ni mirkaneessa jedhe hin amanu jedha. “Qulqullinni barnootaa mirkaneessuuf jalqabarraa manneen barnoota sadarkaa tokkoffaarraa eegalamuu qaba malee sagantaa barnoota gannaa kan barsiisonni gahumsa isaanii ittiin fooyyeeffatan hambisuun bu’aa qaba jedhe hin amanu,” jedhe. 

Sagantaa gannaa bara darbee yeroo baratanitti baasii mataa isaaniitiin mooraa yuunivarsitichaa alaa fayyadamaa kan turan ta’uu eeruun kunimmoo qaala’insa jireeenyaa jiru irratti dabalamee jireenya isaanii irratti dhiibbaa uumuu ibseera.

Bara kana immoo murtee ministeerri barnootaa “haala fedhii fi dantaa barattootaa ilaalcha keessa hin galchineen” dabarseen sagantaa kana cufuu eereera.

“Yuunivarsitichi [Dirree Dhawaa] xalayaa karaa teelegiraamiitiin nuuf ergeen Waxabajjii 01 akka argamnu nu waamee ture. Nutis ni deemna jennee qophoofne turre. Haa ta’u malee, giddu kanaan murtee muddamaa ministeerichi dabarseen hafeera jedhame,” jedhe.

Ibsa ministeerichi baase hordofuun yuunivarsitiin Dirree Dhawaa karoora isaa jalqabaa haquun ergaa barnoonni gannaa hin jiru jedhu tamsaasuu barataan kun Addis Standarditti himeera.

Qorannoon bara 2017 gaggeeffame akka mul’isutti, Itoophiyaan humna nama baratee (literacy rate) 51% qofa qabdi. Biyya akka Itoophiyaa babal’inni barnootaa baay’ee duubatti hafaa keessatti sababa qulqullina barnootaatiin imaammata barnootaa irratti dhiibbaa gaarii hin taane dabarsuun miidhaa hammaataa kan fidu ta’uu barattootni gannaa Addis Standard dubbise dabalanii eeraniiru.

Pireezidaantii Waldaa Barsiisota Itoophiyaa obbo Yohaanis Bantii yaada Addis Standardiif kennaniin murteen ministeerichi dabarse murtee hatattamaan darbe ta’uu ibsuun barattoota barnoota gannaatiif of qopheessaa turaniin barnoonni gannaa hin jiru jechuun sirrii miti jedhan. “Murteen ministeerichi dabarse sirrii ta’uu danda’a, garuu yeroo isaa kan eeggattee miti,” jedhan.

Dhimma kanaan walqabatee waldichi xalayaa komii barreeffamaan ministeerichaaf dhiyeessuu eeruun hamma yoonaatti deebiin waldichaaf laatame kan hin jirre ta’uu himaniiru. 

Murteen ministeerichi dabarse kuni qaamolee dhimmichi ilaalatu waliin irratti mari’achuun furmaata waloo barbaaduun dura sagantaa barnoota barattoonni waggoota hedduuf gatii itti kaffalan cufuun akka dogoggoraatti kan ilaalan ta’uu Obbo Yohaannis dubbatan.

Ministeerichi murtee kana kan dabarse erga qorannoo adeemsisee booda haa jedhu malee dursee dhimma kana barattoota beeksisuu fi hubannoo uumuun barbaachisaa ta’uu eeruun “tasuma lafa ka’anii hin jiru jechuun sirrii miti” jedhan. 

Komii barattoota sagantaa gannaa kanaan walqabatee deebii argachuun Ministeera Barnootaa qunnamuuf yaaliin Addis Standard taasise hin milkoofne. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button